Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa lixaatti lafti heektaara kuma 8 caalu sagantaa ashaaraa magariisaatiin misoomaa jira

Adoolessa 9/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa godina Shawaa lixaatti lafti heektaara kuma 8 fi 463 sagantaa ashaaraa magariisaatiin misoomaa jiraachuu qajeelchi qonnaa godinichaa beeksise.

Waajjira qonnaa godinichaatti ogeessi misooma bosonaa Guddataa Xuurii ENA’f akka ibsanitti, ganna kana biqiltuuwwan muduraa fooyya’an miiliyoona 15 ol qophaa’anii dhaabamaa jiru.

Biqiltuuwwan muduraa dhaabaman kun bakka addaddaatti wabii nyaataa mirkaneessuu fi hawaasni galii dabalataa argatee faayidaa dinagdee akka guddifatu qooda guddaa akka qaban ibsaniiru.

Sanyii muduraaa sagantaa Kanaan qophaa’an keessaa Paappaayaa, Avokaadoo, Muuzii fi appiliin akka keessatti aragaman ogeessichi eeraniiru.

Hojii kana ilaalchisee qonnaan bultootaaf leenjiin kennamuu eeranii, yeroo ammaa deeggarsii ogummaa barbaachisuu fi hordoffiin tasifamaa akka jiru dubbataniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015