Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsiitiin Bulee Horaa dhaqqabamummaa hojiilee qorannoo isaaf tumsa isaa ENA waliin cimsee itti fufa

Adoolessa 9/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Bulee Horaa dhaqqabamummaa hojiilee qorannoo isaaf tumsa isaa ENA waliin cimsee itti fufa jedhan pireesidaantiin yunivarsiitichaa Dr. Tamasgeen Dabaloo.
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa fi ENA’n qorannoo fi dhaqqabamummaa beekumsa dhalootaa irratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.


ENA’n dhaabbata miidiyaa dhiibbaa guddaa uumu qabuu fi bal’inaan dhaqqabummaa qabu waan ta’eef waliigaltichi yuunivarsiitichaaf gatii guddaa akka qabu pirezidaantiin yunivarsiitichaa waliigaltee kana irratti ibsaniiru.

Yuunivarsiitiin kun Yuunivarsiitii dhaloota sadaffaa ta’uun ramadamuu kan ibsan pireezidaantichi, hojiiwwan barsiisummaa, qorannoo fi tajaajila hawaasaa gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Biyyattiin beekumsa mandhalee keessattuu qonna, albuudaa fi sirna Gadaa sirna barnootaa ammayyaa waliin walitti makuun galma misoomaa ishee galmaan ga’aa akka jirtu ibsaniiru.

Doktar Tamasgeen akka jedhanitti, waliigaltichi sochii yunivarsiitichaa sadarkaa biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddisuuf, akkasumas hariiroo qooda fudhattoota waliin qabu daran cimsuuf dandeettii kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribee gamasaaniitiin muuxannoo waggoota 85 ol kan qabu ENA’n adeemsa jijjiiramaa keessa akka jiru hubachiisuun, waliigalteen kun kaayyoo waloo dhaabbileen lamaan kaa’an galmaan ga’uuf milkaa’ina murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas, ENA’n qabeenya uumamaa fi beekumsa mandhalee naannoo Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessatti argamu sadarkaa ardiitti guddisuuf dandeettii olaanaa qabuun damee kana irratti michuu filatamaa ta’uu ibsaniiru.
Waliigaltichi yaad-rimee beekumsa mandhalee fayyadamuun badhaadhina mirkaneessuuf galma kaa’ameef faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.


ENA’n hojii oduutiin alatti qorannoo idil-addunyaa, dokumantarii fi sagantaalee adda addaa irratti cimee hojjechaa akka jiru kan ibsan yoo ta’u, Yuunivarsiitichi Afrikaa keessatti dhaabbata beekamaa ta’uuf tattaaffii taasisu keessatti gahee guddaa akka qabu hubachiisaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015