Godina Boorana Bahaatti Qonni ammayyaa hojiirra ooluun oomishtummaa guddisuuf gargaareera - ENA Afaan Oromoo
Godina Boorana Bahaatti Qonni ammayyaa hojiirra ooluun oomishtummaa guddisuuf gargaareera
Adoolessa 9 /2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaatti hojiirra oolmaan Qonna ammayyaa oomishtummaa guddisuuf gargaaraa akka jiru waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.
Godinni Boorana Bahaa Naannichatti bakkeewwan Omisha Arfaasaa oomishan keessaa tokko yoo ta'u, walakkeessa Bitootessaatii hamma Eblaatti rooba Arfaasaa fi facaasaa, walakkeessa Adoolessaa hanga hagayyaatti ammoo yeroo oomishni walitti qabamudha.
Waajjirichatti Dursaan garee hojii misoomaa fi Eegumsa Midhaanii Obbo Liiban Boruu akka ibsanitti; godinichatti qonna ammayyaa hojiirra oolchuun lafa hektaara kuma 176 ol misoome irraa oomishni walitti qabamaa jiraachuu ibsaniiru.