"Hoggansa badhaadhina mirkaneessu ijaaruun ofdanda’uuf hojjechuu qabna.” - Obbo Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
"Hoggansa badhaadhina mirkaneessu ijaaruun ofdanda’uuf hojjechuu qabna.” - Obbo Shimallis Abdiisaa
Adoolessa 9/ 2018 (ENA) : Hoggansa dinagdee carraawwan misoomuu, humna namaa fi beekumsa qindoominaan hogganee badhaadhina qabatamaa sadarkaa hundatti mirkaneessu ijaaruudhaan waan hundaan ofdanda’uuf hojjechuu qabna jedhan pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.
Gamaaggamni raawwii hojii Mootummaa fi Paartii bara 2018 guyyaa sadan darbaniif magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa ture kallattii hojii Pirezidaantiin MNO obbo Shimallis Abdiisaa kennaniin xumurameera.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa xumura waltajjii gamaaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa bara 2018 irratti argamuun yaada kennaniin, imaammatoonniifi tarsiimoowwan yaadama ida’amuu irraa maddan gurmaa’insa paartii, mootummaa fi hirmaannaa ummataa qindoomina qabuun hojiirra oolaa jiraachuu isaatiin galmoonni imalli badhaadhinaa dhugoomaa akka jiran ibsaniiru. Kunis raawwii hojii bara 2018 keessatti qabatamaadhaan kan ife ta’uu ibsuun, injifannoowwan galmaa’aa jiran kun itti fufiinsa qabaachuun waan hundaan of danda’uuf, hoggansi dinagdee carraawwan misoomuu jiran, humna namaa fi beekumsa walitti qindeesse hogganu ijaaramuu akka qabu dhaamaniiru.
Barri 2019 Waan hundaan of danda’uudhaaf karoora ofdanda’uu waggoottan shanan dhufanii raawwachuu kan itti jalqabamu ta’uu kan ibsan Pireezidaanti Shimallis, galmoota karoora of danda’uu kana dhugoomsuuf, carraawwan misooma dandeessisan, humna namaa, qabeenya uumamaa, faayinaansii fi carraawwan faayinaansii jiran qindoominaan hoggananii dinagdeetti jijjiiruuf hojjechuun dhimma xiyyeeffannaa addaa barbaadu akka ta’e akeekaniiru.
Carraawwan kanniin gara badhaadhina qabatamaatti jijjiiruuf immoo, hoggansa dinagdeetu barbaachisa kan jedhan Pireezidaant Shimallis, hoggansa dinagdee jechuun, carraawwan misoomuu jiran kan hubatu, oomishtummaa guddisuuf karoorsee kan hojjetu, dorgomtummaa kan sirnoomsu, qusannaa fi invastimantii kan bal’isu, bu’aa qabeessummaa ummataa, dhaabbilee fi dhaheessummaa kan dagaagsu ta’uu ibsaniiru.
Hoggansi dinagdee kunis oomisha biyya keessaa(GDP), carraa hojii, badhaadhina sadarkaa maatiitti uumuufi invastimantii babal’iseen madaalamuu akka qabu eeraniiru. Kana gochuudhaan waggoottan shanan dhufan keessatti, baajetaan, nageenyaan, bu’uura misoomaan, ogummaadhaan,gaggeessummaafi wabii nyaataan of danda’uuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechuuf qaamni hundi bakka jirutti gahee isaa akka bahachuu qabu dhaamaniiru.
Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaanitiin, galmoonni imala badhaadhinaa milkeessuuf halkanii fi guyyaa hojjechuu kan gaafatan ta'uu eeruun, raawwiin hojii Paartii fi Mootummaa bara 2018 agarsiiftuu akka ta’an ibsaniiru. Imalli badhaadhinaa waggoottan darbanii qormaatilee hedduun kan guutame ta’ullee, hoggansaa fi paartiin keenya seenaa hojjechuuf akeekanii hojjechaa turuu isaanitiin, qormaatilee gara carraatti jijjiiruun ijaarsa biyyaa keessatti bu’uura cimaa hin sochoone kaa’uu danda’eera jedhan.
Injifannoowwan kanniin itti fufsiisuuf, horata gaggeessummaa ummanne, carraawwan misoomuu bal’aa qabnuu fi humna namaa yaadama ida’amuutiin masakame qindeessinee hogganamuun injifannoo caalmaa waan hundaan of danda’uu keessatti galaa nuuf ta’u galmeessuuf sadarkaa hundatti gahumsa ol’aanaadhaan socho’uun akka barbaachisu jechuun dhaamuu isaanii odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa ni mul'isa.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#