Godina Wallagga Lixaatti bara bajataa kanatti namoota kuma 156f carraan hojii uumameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga Lixaatti bara bajataa kanatti namoota kuma 156f carraan hojii uumameera
Adoolessa 9/2018 (ENA):Godina Wallagga Lixaatti bara bajataa 2018tti lammiilee kuma 156f carraan hojii uumamuu isaa Waajjirri Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Godinichaa beeksiseera.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Darajjee Guddisaa ENA’f akka ibsanitti; bara bajataa kanatti lammiilee hojii dhabeeyyii ta'an waldaan gurmeessuun gara hojiitti akka galan ta'eera.
Godinichatti bara bajataa 2018tti hojii dhabeyyii kuma 108’f carraa hojii uumuuf karoorfamee, lammiilee kuma 156 fayyadamoo carraa hojii taasisuun danda'ameera jedhaniiru.
Godinichatti rakkoo hojii dhabdummaa hir'isuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojiiwwan hojjetamaniin raawwii kana guddisuu dandeessisuusaa dubbataniiru.
Lammiileen carraan hojii uumameef kunis dameewwan Qonnaa, Daldala, Warshaa (Manufaakchariingii), Horsiisa Loonii, hojii miidhaginaa fi dameewwan biroo irratti kan bobba'an ta'uu ibsaniiru.
Lammiilee carraan hojii uumameetiif, liqaa birrii biiliyoona 1 ol akka argatan kan taasifame yoo ta'u, damee bobba'an irratti bu'aa qabeessa akka ta'aniif deeggarsaa fi hordoffiin taasifamaa turuu isaas eeraniiru.
Lammiilee fayyadamtoota carraa hojii ta’an keessaa tokko kan taate Mafiizaa Abdii, hiriyoota ishee waliin ta'uun hojii furdisa Hoolota sanyii fooyya'anii irratti bobba'uu isaanii ibsiteetti.
Damee irratti bobba'an kanaan leenjiin, deeggarsaa fi hordoffiin isaaniif taasifame bu'aa qabeessa akka ta'an kan gargaaru waan ta'eef, milkaa'ina caalu galmeessisuuf hojjechaa akka jiraan ibsiteeti.
Waldaan gurmaa'anii bakka hojii fi tajaajila liqii argachuun hojii horsiisa Lukkuu irratti bobba'uusaa kan ibse , dargaggoo Iyoob Tolasaa damee kanaan hojii bu'aa qabeessa hojjechaa jiraachuu dubbateera.
Keessattuu waggoottan dhihoo asitti inisheetivoota misoomaa mootummaadhan bocamanii hojiirra oolaa jiran dargaggoonni carraa hojiitti akka argatan taasisaa jiraachuusaa dubbateera.