Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa biyyaa keenyarra darbee Ardii keenyaaf boonsaa dha-Dr. Maqdas Dhaabaa - ENA Afaan Oromoo
Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa biyyaa keenyarra darbee Ardii keenyaaf boonsaa dha-Dr. Maqdas Dhaabaa
Adoolessa 9/2018 (ENA): Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa biyyaa keenyarra darbee ardii kanaaf boonsaa jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa.
Ayyaanni hundeeffama waggaa 100ffaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa kabajamaa jira.
Sirna ayyaanichaa kanarratti aanga'oonni mootummaa olaanoo, bakka bu'oonni damee fayyaa idil-addunyaa fi michoonni, Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee fi Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa argamaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka jedhanitti, inistiitiyuutichi waggoota dhibba darbaniif seenaa fayyaa biyyattii keessatti gahee olaanaa taphachuu isaa ibsaniiru.
Inistiitiyuuticha keessatti qorattoonni, ogeeyyiin qorannoo, xiinxaltoonni daataa, deebii balaa fi hojjettoonni deeggarsaa gahee olaanaa taphataniiru jedhan.
Inistiitiyuutichi qormaata fayyaa rakkisaa biyyattii mudate keessatti dandamannaa guddaa uumuun hojii ajaa’ibsiisaa hojjetrra jedhan.
Keessattuu yeroo weerara COVID-19 fi weerara adda addaatti Ministeera Fayyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun hojii bu'a qabeessa ta'e hojjateera jechuun ibsaniiru.
Qormaata laabraatoorii fi sakatta’iinsa irratti hoggansa qabaachuu isaa, akkasumas deebii hatattamaa saffisaa xiinxala saayinsiitiin deeggaramee kennuu keessatti gahee adda duree ta’uu isaa yaadachiisaniiru.
Dandeettiin Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa amma daangaa biyyaalessaa irra darbuu isaa kan ibsan Ministirri kun, Inistiitiyuutichi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane Afrikaaf gumaacha guddaa taasisaa kan jiru ta’uu hubachiisaniiru.
Mootummaan damee fayyaa keessatti walqixxummaa mirkaneessuu fi qulqullina fooyyessuuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hedduu hojiirra oolchaa akka jiru hubachiisaniiru.
Tajaajila fayyaa baadiyyaa irraa gara magaalaatti babal’isuuf, fayyaa haadholii fi daa’immanii fooyyessuu, dhibeewwan daddarboo fi daddarboo hin taane irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira jedhan.
Hirmaannaa ummataa guddisuu fi miira abbummaa uumuun lammiileen sababa baasii fayyaatiin dhiibbaa diinagdee olaanaaf akka hin saaxilamneef hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ministirri kun addunyaan balaa fayyaa haaraa fi walxaxaa ta’e mudachaa jiraachuu ibsuun, balaawwan walxaxaa kana qolachuuf balaawwan dafanii adda baasuu, saffisaan akeekkachiisuu, karaa saayinsaawaa ta’een xiinxaluu fi haala qindoomina qabuun deebii kennuuf dandeettiin dhaabbataa cimaan ijaaramaa akka jiru dubbataniiru.
Ministeerri Fayyaa Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa ergama biyyaalessaa fi idil-addunyaa isaa qulqullinaa fi gahumsaan akka ba’uuf deeggarsa imaammataa, hoggansaafi ijaarsa dandeettii barbaachisaa ta’e akka itti fufu mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#