Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilichi sirna hojii isaa ammayyeessuun jijjiirama qabatamaa fideera

Adoolessa 9 /2018 (ENA): Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa itti fayyadama teeknooloojii yeroon gaafatu babal’isuun, sirna hojii isaa ammayyeessuun, haala hojii mijataa uumuun jijjiirama qabatamaa itti quufinsa maamiltootaa dabalu fideera jedhan Daarektarri Olaantuun dhaabbatichaa isaa Salaamaawit Daawit.

Daarektarri Olaantuu Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa aaddeSalaamaawit  Daawit, hojiiwwan dhaabbatichi bara baajata 2018 keessatti raawwate ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniiru.


 

Ibsa isaanii keessatti dhaabbatichi itti fayyadama teeknooloojii yeroo ammaaf mijatu babal’isuun, sirna hojii isaa ammayyeessuun, haala hojii mijataa uumuun jijjiirama qabatamaa itti quufinsa maamiltootaa dabalu fiduu isaa ibsaniiru.

Tajaajila paaspoortii fi viizaa dabalatee sanadoonni paaspoortii biroo teeknooloojii ammayyaatiin kan oomishaman yoo ta’u, qulqullinaa fi nageenyaan kan oomishaman ta’uu ibsaniiru.

Bara baajataa kanatti paaspoortiin miiliyoona 1.6 ol maxxanfamee lammiileef raabsamuu eeraniiru.

Lakkoofsi wiirtuuwwan kenniinsa paaspoortii elektirooniksii 12 irraa gara 23tti akka babal’ate, imaltoota kuma 7 ol ta’aniif buufataalee to’annoo daangaa qilleensaa fi lafaa irratti tajaajilli gahumsa qabu kennamuu eeraniiru.

Jijjiirama kana mirkaneessuuf gurmaa’insaa fi guddina humna namaa dhaabbatichaa fooyyessuudhaan tajaajilicha bu’a qabeessa taasisuuf hojiiwwan hojjetaman murteessoo ta’uus ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015