Hojiiwwan Bu'aa qabeessi gaaffiiwwan misoomaa deebisan hojjetamaniiru – Pirezidantii Naannichaa Ordiin Badrii - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan Bu'aa qabeessi gaaffiiwwan misoomaa deebisan hojjetamaniiru – Pirezidantii Naannichaa Ordiin Badrii
Adoolessa 9/2018 (ENA)፦ Naannoo Harariitti bara bajataa kana keessa gaaffiiwwan misoomaa uummataa bu'uura godhachuun hojiiwwan bu'aa qabeessi hojjetamuu isaanii Pirezidaantiin Naannichaa Ordiin Badrii beeksisan.
Pirezidanti Ordiin Badrii yaa'ii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa marsaa 6ffaa Mana Maree Naannichaa irratti gabaasa dhiyeessaniin akka ibsanitti; naannichatti bara bajataa kana keessa karoora misoomaa kaa'amanii milkeessuuf carraaqqiin taasiifameera.
Hoggansi sadarkaan jiru, raawwataa fi guutuun hawaasaa karooricha milkeessuuf hirmaannaa fi carraaqqii olaanaa taasiisaa turuu isaanii kaasaniiru.
Kanaanis, dameewwan dinagdee fi hawaasummaatiin misooma si’ataa fi waaraa fiduuf, kenna tajaajilaa fooyyessuu fi ammayyeessuuf, akkasumas rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf hojiiwwan jajjabeessoon hojjetamuu isaanii ibsaniiru.
Magaalaa fi baadiyyaatti hojiiwwan bu'uraalee misooma kooriidaraa babal'isuu kallattii xiyyeeffannaa ijoo godhachuun hojjetamuu isaaniitiin bu'aan argamuu isaa eeraniiru.
Qulqullina hirmaannaa fi dhaqqabamummaa barnootaa cimsuu, akkasumas firii barattootaa fooyyessuuf hojiin hojjetames bu'aaqabeessa ta'uusaa kaasaniiru.
Naannichatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa fiduu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf,akkasumas kenna tajaajila haqaa fooyyessuuf hojiiwwan raawwatamaniin bu'aan jajjabeessaan argamuusaa hubachiisaniiru.
Omisha fi omishtummaa guddisuun hirkattummaa hambisuu, Carraa hojii uumuu guddisuu, galii naannichi maddisiisu walitti qabuu,gama fayyaa fi hojiiwwan biroo raawwataman jajjabeessoo ta'uu isaanis eeraniiru.
Akkasumas, naannichatti hojiiwwan tajaajila tola ooltummaan raawwatamanis yeroo gara yerootti guddina olaanaa agarsiisaa dhufuu isaanii dubbataniiru.
Yaa'ii mana maree guyyoota lamaaf turu kanaan gabaasni, karoorrii fi mudamni adda addaa ni raggaasifama jedhamee eegama.