Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti hojiin damee turizimiin hojjetame baay’inni tuuristootaa akka dabalu taasiseera

Adoolessa 9/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti hojiin damee turizimiin hojjetame baay’inni tuuristootaa akka dabalu taasisuusaa pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan.

Pirezidaaantichi gabaasa wal gahii idilee 10ffaa mana maree 6ffaa wagga shanaffaarratti gabaasa dhiheessaniin akka ibsanitti, naannichatti hojiin damee turizimii fi misooma kooriidaraa magaalaa fi baadiyyaa naannichaatti hojjetame bu’aa fideera.

Keessumaa bakkeewwan hawataa ta’an misoomsuudhaan, tajaajila fooyyessuunii fi hambaalee kunuunsuudhaan bu’aan qabatamaa galmaa’uu dubbataniiru.

Haala Kanaan baay’inni turistootaa bakkeewwan hawata turizimii magaalaa Hararii fi naannichatti argaman daawwatanii dabaluusaa eeraniiru.

Bara bajatichaa tuuristoonni biyya alaa kuma 14 fi 700 akkasumas tuuristoonni biyya keessaa kuma 180  ol Hararii fi  bakkeewwan hawata turizimii magaalattii keessatti argamanii daawwachuusaanii dubbataniiru.

Baay’inni tuuristoota biyya alaa fi biyya keessaa bakkeewwan hawata naannichatti argamanii daawwatanii wagga waggaan dabalaa dhufuusaa pirezidaantichi ibsaniiru.

Hojiiwwan misooma kooriidaraa naannichatti hojjetamuunsaanii, hojiiwwan hawata turizimii beeksisuuf hojjetaman akkasumas qulqullina dhaabbilee tajaajila kennanii fooyyessuun bu’aa argameef qooda guddaa bahateera jedhaniiru.

Akkasumas hambaan idil addunyaa Jagol, misoomni kooriidaraa fi beekamtiin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kenname baay’inni turistoota biyya keessaa akka dabalu gumaacha olaanaa bahuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015