Tamsaasa Kallatti:

Sirna jalqabsiisuu Marii Biyyaalessaa seena-qabeessa ta’e kanarratti argamuuf carraa argachuun koo guddaa naboonsisa-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Adoolessa 8/2018(ENA): Sirna jalqabsiisuu Marii Biyyaalessaa seena-qabeessa ta’e kanarratti argamuuf carraa argachuun koo guddaa naboonsisa jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Yaa’iin guddichi torbeewwan afran dhufaniif hirmaattota kuma afur galma tokko keessatti walitti qabu kun, taatee seenaa Itoophiyaan harka mataasheetiin seenaa haaraa barreessuuf qalamaafi waraqaa itti argattedha jedhan karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin.


Maraammartoo adeemsa siyaasaa Itoophiyaa jecha humnaatiin eegalee tarkaanfii humnaatiin goolabamu cabsinee waliin dubbachuufi marii’achuudhaan yeroo itti bakka buusnu irratti argamna jedhani. Komiishinaroota Komiishinii Marii Biyyaalessaa imala guddaa kana milkeessan, gumaacha isaaniif galata guddaan dhiyeessa jedhaniiru.

Yaa’iin adeemsa ajandaa walittiqabuu jalaa gara oliitti lammiilee kuma dhibbatti lakka’aman hirmaachisuu irratti hundaa’e kun salphaatti kan irra hin deebi’amneefi seenaa ammayyaa Itoophiyaa keessatti kaayyoo guddaafi kabajamaa kan qabudha. Kanaanis qormaatilee keenya gara carraa gaariitti jijjiiruudhaan aadaa aangoo nagaadhaan walii dabarsuu ni itichina jedhani.


Guyyaa har’aa sanyiiwwan gaarii dhaloota egereef darbu ni facaafna; firii inni kennurraas ijoolleen keenya akka fayyadaman ni taasifna. Marii kanarratti yoo hirmaannu, mandara keenya keessaa baanee Itoophiyaaf wayita marii’annu, ijoollee keenyaaf jennee isaaniin yaanne yeroo walmarii’annu bu’aansaa baay’ee milkaa’aa ni ta’a jedhani.

‎waliin taanee abdii, dhiifamaafi waliin jiraachuu haa dhaabnu; mariifi dhiifama biyya keessatti godhamuun rakkoowwan keenya hiikuudhaan biyya keenya gidduu-seentummaa alaarraa haa eegnu. Hirmaattonni hundi bu’aa seena-qabeessa Itoophiyaaf gaarii, Afrikaaf barumsa ta’u, Itoophiyaanota hundaaf immoo boqonnaa fidu akka galmeessisanin waamichakoo dhiyeessa jedhani.

Itoophiyaan tattaffii ijoolleesheetiin sodaatamteefi kabajamtee bara baraan haajiraattu!

Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015