Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa bu’uura guddina biyyaa fi tokkummaa hawaasaa akka ta'uuf abbootiin amantaa hawwii qaban ibsan - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa bu’uura guddina biyyaa fi tokkummaa hawaasaa akka ta'uuf abbootiin amantaa hawwii qaban ibsan
Adoolessa8/2018 (ENA):Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a eegalame guddina biyyaa fi tokkummaa uummataa cimsuuf bu’ura akka ta’u ni hawwina jechuun abbootiin amantaa ibsaniiru.
Sagantaa saaqinsa Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Wiirtuu Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti (Addis International Convention Center) gaggeeffamaa jira.
Bakka bu’aa Paatiriyaarikii fi Barreessaa olaanaa Sinoodoosii Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa qulqulluu Abuune Diyoosqoroos ,Marichi guddina biyyaa fi tokkummaa uummataatiif kan fayyadu firii gaarii akka buusu hawwaniiru.
Uumaan gaggeessitoota keenya nagayaa fi fayyaan akka nuuf eegu hawwaa, gaggeessitoonnis uummata isaanii jaalalaa fi dhugaadhaan tajaajiluu akka danda'aniif ogummaa akka isaaniif kennu hawwii gaariisaanii ibsaniiru.
Pirezidaantii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Haajii Ibraahim Tuufaa, barichi kan nagayaa, jaalalaa fi tokkummaa akka ta’u hawwii gaarii isaanii ibsaniiru.
Waltajjiin seena-qabeessi kun milkaa’aa akka ta’uu fi hundi keenya garaa tokkoon mari’achuu akka dandeenyuuf gargaarsa uumaa kan gaafatan Sheek Haajii Ibraahim, yeroo ammaa kanatti fuula keenya gara nagaa fooyyessuu fi dhimmoota misoomaa irratti gara galchuun akka barbaachisu waamicha dhiyeessaniiru.
Pirezidaantiin Phaaphaasota Mana Amantaa Kaatoolikii,Kaardinaal Birhaaneyasuus Suraafeel , Marii kanaan nagayaa fi tokkummaan akka cimu hawwaniiru.
Marii kanaan rakkoolee keenya hunda furuun, biyya fakkeenya taatu ijaaruu akka dandeenyuuf uumaan nu haa gargaaru jedhaniiru.
Pirezidaantii Kaawunsilii Waldaalee Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa Qees Darajjee Janbaruu, yaa’iin kun olka'iinsa biyyaatiif akka ta'uuf, tokkoon tokkoon keenya hubannoo fi ogummaan hirmaachuu akka qaban ibsaniiru.
Pirezidaantii Mana Amantaa Adveentistii guyyaa torbaffaa Paaster Taaddasa Adunyaa,Uumaan tokkummaa keenya akka ijaaru hawwii gaarii isaanii kan ibsan yoo ta'u, waltajjiin kun waliigalteee fi walitti dhiheenya kan cimsu akka ta’u hawwaniiru.