Bakka Buutuu Olaanaa Imaammata Dhimma Alaafi Nageenyaa Gamtaa Awurooppaa, Kaja Kallas har'a simadhee haala milkaa'aa ta'een marii'anneerra- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Bakka Buutuu Olaanaa Imaammata Dhimma Alaafi Nageenyaa Gamtaa Awurooppaa, Kaja Kallas har'a simadhee haala milkaa'aa ta'een marii'anneerra- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Adoolessa 8/2018(ENA): Bakka Buutuu Olaanaa Imaammata Dhimma Alaafi Nageenyaa Gamtaa Awurooppaa, Kaja Kallas har'a simadhee haala milkaa'aa ta'een marii'anneerra jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabrsaniin.
Walittidhufeenya Gamtaa Awurooppaafi Afrikaa gidduu jiru cimsuurratti kan marii'anne yoo ta'u, faayidaawwan waloofi dhimmoota ijoo dusri kennamuuf irratti xiyyeeffannee yaada waljijjiirreerra jedhaniiru.
Dabalatanis, marii keenya dhimmoota naannawaa xiyyeeffannoo barbadan irratti gooneen, akkaataa itti walta'insa dinagdee caalaatti guddisuufi babal'isuun danda'amu irratti marii'anneerra jechuun ergaa dabrsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#