Tamsaasa Kallatti:

Yaa’ichi dhaloota dhufuuf biyya cimtuu fi amansiiftuu ijaaruuf carraa guddaadha

Adoolessa 8/2018(ENA) - Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaloota dhufuuf biyya cimtuu fi amansiiftuu ijaaruuf carraa guddaa ta’uusaa komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa ibsan.

Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti dammaqinaan eegalameera.

Waltajjiin seena qabeessi kun Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan banuu fi dhhalootaaf kan darbu ta’uun ibsameera.

Komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa baniinsa yaa’ichaarratti dubbii dubbataniin, yaa’ichi kallattii imala siyaasaa fi hawaasummaa biyya keenyaa qajeelaa kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan seenaa bara dheeraa fi miidhagina heddumminaa kan qabdu ta’uu eeranii, fulla’insaan itti fufsiisuuf garaagarummaan yaadaa fi waldhabdeen qormaata itti ta’anii turaniiru jedhaniiru.

Keessumaa gaaffileen siyaasaa fi sirnaa waggoottaniif kuufaman har’as nageenya lammiilee fi tokkummaa biyyaa qoraa jiru jedhaniiru.

Garaagarummaan yaadaa qofaasaa rakkoo akka hin taanee fi ilaalchonni garagaraa qama jireenya demokiraasii keenyaa ta’uu kan ibsan komishinarri olaanaa kun, rakkoon kun kan eegalu garaagarummaa kanneen mariin osoo hin taane humnaan, walitti bu’iinsaan ykn wal ajjeesuun furuuf yoo yaalamu akka ta’e beeksisaniiru.

Rakkoolee hidda jabeeffatan humnaan, yeroof qabbaneessuun ykn adeemsa adda qooduutiin fulla’insaan furuun akka hin danda’amne seenaan kan nu barsiise ta’uu cimsanii kaasaniiru.

Furmaanni egeree fi qofeessi marii biyyaalessaa amanamaa, hammataa, ifaa fi saayinsaawaa ta’e gaggeessuu ta’uu ibsaniiru.

Yaa’iin kun garaagarummaa jiru karaa qaroomeen qabachuun waliin jiraachuu kan nu dandeessisu waltajjii sirna itti diriirsinu dha jechuun dubbataniiru.

Kana malees wal dhaggeeffachuu, dhukkuba nama biraa hubachuu, godaannisa seenaa turan haquu fi carraa biyyaa egereerratti walii galtee kan uumu fayyinni biyyaa kan itti raawwatamu akka ta’e dubbataniiru.

Yaa’iin kun dhaloota dhufuuf biyya cimtuu fi amansiiftuu ijaaruu kan dandeessisu carraa guddaa akka uumus hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015