Yaa'iin Marii Biyyaalessaa seenaa biyya baraaruu fi ijaaru barreessuuf carraa guddaadha – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Yaa'iin Marii Biyyaalessaa seenaa biyya baraaruu fi ijaaru barreessuuf carraa guddaadha – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Adoolessa 8/2018 (ENA): Yaa’iin Marii Biyyaalessaa kan biyya baraaru, kan fayyadu, kan ijaaruu fi barootaaf kan yaadatamu seenaa barreessuuf carraa ta’uu kan uumudha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Sirni baniinsa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa magaalaa Finfinnee Giddugala Walgahii konveenshinii Idil Addunyaa Addis keessatti gaggeeffamaa jira.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaamsa kana irratti dabarsaniin, Yaa’iin Marii Biyyaalessaa bal’ina, adeemsaa fi bu’aa isaatiin seenaa ammayyaa Itiyoophiyaa keessatti kaayyoo fi dalagaa guddaa akka qabu ibsaniiru.
Waltajjiin kun waltajjii bal’aa lammiilee Itiyoophiyaa bakka bu’aniif qophaa’e ta’uu hubachiisuudhaan, carraan kuni seenaa Itiyoophiyaa kan jijjiiruu fi carraa guddaa ta’uu himani.
Waltajjiin har’aa kun seenaa biyya baraaruu fi ijaaru barreessuuf carraa guddaa kan kennu ta’uus dubbataniiru.
Warri carraa kanatti hin fayyadamnee fi irra deddeebiin akka hin dhufne hin hubanne seenaa biyya ijaaruu dhiisanii diigu akka barreessan yaadachiisaniiru.
Kanaaf carraan marii seena qabeessa ta’e kun salphaatti dhufuu waan hin dandeenyeef irra deebi’amuu waan hin dandeenyeef, ijoolleen keenya carraa ijoolleen keenya dhaban akka hin dhabneef nutis ta’e warri nu dura dhufan kabaja guddaadhaan kabajuu qabna jedhan.
Hirmaattonni marii kanaa milkaa’ina konfiraansii marii kanaaf miira itti gaafatamummaa fi obsa ol’aanaadhaan gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#