Dhaamsa Komishinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. - ENA Afaan Oromoo
Dhaamsa Komishinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa.
Sirna baniinsa Marii Biyyaalessaa seena qabeessa kanarratti haasaa taasisaniin, Koomishinara Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa; Waltajjiin marii biyyaalessaa kun seenaa keessatti bakka guddaa qaba jedhani.
Mariin biyyaalessaa gosa kanaa imala hawaasummaa fi siyaasaa biyya keenyaa kan qajeelchu yoo ta’u, saba cimaa ijaaruuf kan nu dandeessisu ta’uu Komishinarri kun ibsaniiru.
Garaagarummaan yaadaa bareedaa ta’us, garaagarummaa kana humnaa fi walitti bu’iinsaan hiikuun rakkoon kun itti fufiinsaan furmaata argachuu akka hin dandeenye seenaa Itiyoophiyaa darbeef ragaadha jedhan Komishinarri kun.
Kanaaf, qorichi furmaata waaraa fi hiree keenya egeree irratti walii galuuf nu dandeessisuu fi biyya keenyaaf qoricha ta’u marii biyyaalessaa garaa qulqulluu, iftoominaa fi hunda hammate qofa ta’uu Komishinarri Olaanaan ibsaniiru.