Tajaajilli Wiirtuu tokkoo 'Masoob' Roobee Tajaajila si’ataa kennuu dandeessiseera - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo 'Masoob' Roobee Tajaajila si’ataa kennuu dandeessiseera
Adoolessa 8/2018 (ENA): Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' Magaalaa Roobeetti hojiirra ooluun isaa, tajaajiloota hedduu bakka tokkotti kennuudhaan deddeebbii tajaajilamtoota duraan mudachaa ture hir'isuu akka dandeessise ibsame.
Yeroo amma tajaajiloonni garaa garaa 124 adda bahananii fi gurmaa'an wiirtuu tokkoon akka kennaman taasifamuunsaa ibsameera.
Hojii tajaajilichaa ilaalchisee tajaajilamtoonni Magaalichaa ENA’f yaada kennan, akka jedhanitti; wiirtuun kun tajaajiloota hedduu bakka tokkotti fiduunii fi adeemsa isaa dijitaala taasisuun hojii milkaa'aa ta'e raawwachaa jira jedhaniiru.
Tajaajilamtoota keessaa aadde Atikaa Xahaa yaada kennaniin; ammaan dura dhimma tokko raawwachiisuuf waajjiraalee garaa garaa deddeebi'anii rakkachaa akka turan yaadachiisaniiru.
Amma garuu hojmaata wiirtuu tokkoo kanaan tajaajila hedduu bakka tokkotti argachuu isaaniitiin boqonnaa guddaa akka argatanii fi rakkoo deddeebi'ii jalaa akka isaan oolche dubbataniiru.
Tajaajilamaa biroon Obbo Siraaj Adam akka jedhanitti, hojmanni kun iftoominaa fi saffisa akka qabaatu taasifamuu fi ragaan tajaajilamtootaa sirna koompiiteraatiin saffisaan qindaa’uunsaa jijjiirama guddaa fiduu eeraniiru.
Hoj maata teekinoolojiin deeggarame kanaan yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii xumuratanii ba’uu akka danda'an dubbataniiru.
Obbo Tsaggaayee Mangistuu gama isaaniitiin; tajaajilli kun hojiirra ooluusaan amman dura dhimmoota guyyoota fi torban fudhatan yeroo amma daqiiqaa muraasa keessatti akka xumuraman gochaa jira jedhaniiru.
Hojmanni haaraan kun yeroo fi humna qusachuu bira darbee,rakkoo bulchiinsa gaarii fi haqaa uummata biraa ka'aa turan furaa akka jiru ibsaniiru.
Hojii gaggeessaan Tajaajila Wiirtuu tokkoo Bulchiinsa Magaalaa Roobee Obbo Eeliyaas Huseen akka jedhanitti; wiirtichi rakkoolee harkifannaa tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii uummata biraa ka'an haala fulla’aa ta'een hiikuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Wiirtuu kana keessatti tajaajiloonni adda addaa 124 bakka tokkotti akka kennaman taasifameera jedhaniiru.
Tajaajilamtoonni rakkoo malee tajaajila barbaadan akka argataniif foddaa 11 irratti humna namaa saffisaa fi teekinoolojiin qindaa’ee dhiyaateera.
Tajaajilichi teekinoolojiin deeggaramuunsaa birookraasii hanbisuun, qulqullina tajaajilaa fooyyessuudhaan lammiilee yeroo gabaabaa fi haala iftoomina qabun tajaajila akka argatan dandeessiseera jedhaniiru.
Gara fuulduraattis wiirtichi hojii fooyya'iinsa teekinoolojiin deeggarame caalaatti cimsuun itti quufinsa uummataa sadarkaa olaanaatti guddisuuf tattaaffii taasisu akka cimsu hojii gaggeessaan kun beeksisaniiru.