Manni Maree Naannoo Hararii walga’ii idilee isaa boru ni gaggeessa - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Naannoo Hararii walga’ii idilee isaa boru ni gaggeessa
Adoolessa 8/2018 (ENA): Manni Maree Naannoo Hararii walga’ii idilee isaa boru irraa eegalee akka gaggeessu ibsameera.
Afa-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Sulxaan Abduusalaam har’a ibsa kennaniin akka beeksisanitti; manni marichi walga’ii idilee 10ffaa bara hojii waggaa 5ffaa yaa’ii marsaa 6ffaa boru irraa eegalee ni gaggeessa.
Yaa’ii mana maree guyyoota lamaaf turu kanaan, gabaasni raawwii hojii qaamolee raawwachiiftuu kan bara bajataa 2018 dhiyaatee irratti akka mari’atamu ibsaniiru.
Gabaasa raawwii hojii dhiyaatu kana miseensonni mana marichaa erga irratti mari’atanii booda ni raggaasisu jedhamee eegama.
Manni maree naannichaa, gabaasa raawwii hojii Mana murtii walii galaa fi waajjira Odiitera Muummee naannichaa kan bara 2018 dhiyaatee akka irratti marii’atamu ibsaniiru.
Kana malees, wixineen bajataa mootummaa naannichaa kan bara 2019 mana mareetiif dhiyaatee erga irratti mari’atamee booda ni ragga’a jedhamee akka eegamu Afa-yaa’iiin kun dubbataniiru.
Dhumarrattis, manni marichaa labsiwanii fi muudamoota adda addaa dhiyaatani ni raggaasisa jedhamee akka eegamu eeraniiru.