Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin Marii Biyyaalessaa boruu irraa eegalee milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophiin guutuun taasifameera

Adoolessa 7/2018 (ENA): Komishiniin marii biyyaalessaa boru irraa eegalee milkaa’inaan gaggeeffamuuf hojiiwwan qophii barbaachisoo ta’an xumuramuu isaanii Koomishinara Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru.

Jala bultii Yaa’ii Marii Biyyaalessaa hordofuun mooraa komishinichaa irraa agarsiisni baandii maarshii dhiyaachaa jira.

Baandiin maarshii magaalichaa naannoolee adda addaatti agarsiisa adda addaa agarsiisaa jira.

Akka Koomishinarri Olaanaa Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa jedhanitti hojiiwwan qophii barbaachisu xumuramuu fi jala bultiin Yaa’ii Biyyaalessaa boru irraa eegalee seenaa Itiyoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif dhiyaatu ga’eera.

Konfiraansii seena qabeessa boru irraa eegalee kana irratti lammiileen kuma afur ol ta’an waliin taa’anii dhimmoota waloo biyya isaanii irratti bal’inaan akka mari’atan ibsaniiru.

Tokkoon tokkoon qooda fudhattoonni konfiraansii seena qabeessa kana irratti dammaqinaan hirmaachuun bu’uura cimaa biyyattiif ijaaruu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Komishinichi guyyaa boruu Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee bal’inaan mari’achuun furmaata waaraa kaa’uuf kora biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf qooda fudhattoonni kuma afur golee biyyattii hundarraa Finfinnee galaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015