Bara baajatichaatti naannichatti industiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa haaraa 47 hojiitti galaniiru - ENA Afaan Oromoo
Bara baajatichaatti naannichatti industiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa haaraa 47 hojiitti galaniiru
Adoolessa 7/2018 (ENA): Bulchiinsa Naannoo Harariitti Bara Bajataa xumurame kana keessatti industiriiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa haaraan 47 hojiitti galuu isaanii Biiroon Misooma Intarpiraayizii fi Industirii naannichaa ibse.
Warshaaleen naannichatti haala mijataa industirii omishaaf uumameen omisha eegalan lammiileef carraa hojii uumaa akka jiran himameera.
Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa obbo Usmaa’eel Yuusuf ENAtti akka himanitti, naannichatti industiriiwwan omishaa babal’isuuf xiyyeeffannaan guddaan kennamaa jira jedhani.
Keessattuu Sochiin Industirii Itiyoophiyaa dandeettii omishaa indaastirii omishaa guddisuu qofa osoo hin taane, damicharrattis dammaqiinsa guddaa uumaa jira jedhan.
Bara baajataa 2018tti industiriiwwan haaraa giddu galeessaa 7 fi xixiqqaa 47 hojiitti galchuun, dabalataan industiriiwwan haaraa 16 hojii ijaarsaa isaanii xumuranii hojii dhaabbii maashinarii eegaluu isaanii ibsaniiru.
Akka itti gaafatamaan waajjirichaa jedhanitti, industiriiwwan naannichatti hojiitti galfaman oomisha bakka bu’aa oomishuun sharafa alaa maddisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiru.
Industiriiwwan maanufaakchariingii dhiyeessii humna ibsaa fi bu’uuraalee misoomaa waliin walqabatan rakkoo qaban furuuf hojjechaa akka turan, bara kanas damee industirii qofaan lammiilee 621’f carraan hojii dhaabbataa uumamuusaa ibsaniiru.
Dargaggoo Mahdi Abdulwaasii haala mijataa mootummaan uumetti fayyadamuun bara kana daldala meeshaalee manaa qindeessaniin gara omishaatti ce’uu isaanii dubbateera.
Fuulduratti oomisha qulqullina qabu omishuun oomisha isaanii gara biyya alaatti erguuf karoora akka qaban eeruun, miseensota waldichaa malees dargaggoota biroof carraa hojii uumuu isaa ibseera.
Zoonii Industirii Magaalaa Hararitti Hogganaan Warshaa Kompileeksii Nyaataa Qananii Tasfaawu Asfaawuu daakuu qamadii oomishuun hawaasa naannoo sanaaf raabsaa akka jiran himaniiru.
Yeroo ammaa kana maashinoota omishaa ammayyaa biyya alaa irraa baasii guddaadhaan galchuun babal’achaa akka jiran hubachiisaniiru.
Itti dabaluunis, haalli mijataa mootummaan naannichaa industiriiwwan omishaaf uume, cimanii akka hojjetan isaan jajjabeessuu himani.
Warshaa kana keessatti carraan hojii kan kennameef keessaa obbo Bishaawu Hayiluun naannichatti babal’achuun industiriiwwan carraa hojii guddisuu qofa osoo hin taane beekumsa teeknooloojii haaraa babal’isuuf gargaaraa jira jedhan.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#