Godina Boorana Bahaatti walitti qabinsa Galii dijitaalessuun birriin biliyoona 1 ol walitti qabuun danda'ameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Boorana Bahaatti walitti qabinsa Galii dijitaalessuun birriin biliyoona 1 ol walitti qabuun danda'ameera
Adoolessa 7/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaatti Adeemsa walitti qabinsa galii dijitaalessuun, bara baajataa kana galii birrii biliyoona 1 ol walitti qabuun danda'amuusaa Waajjirri Galiiwwan Godinichaa beeksiseera.
Waajjirichatti Ogeessi Karooraa, Hordoffii Bajataa fi Gamaggamaa Ma'aazaa Alii akka jedhanitti, adeemsa walitti qabinsa galii godinichaa saffisaa fi haqa-qabeessa taassisuuf hoj-maanni dijitaalaa diriirfameera.
Kanaanis bara bajataa Kanaan dameewwan galii adda addaa irraa walitti qabuuf Birrii biliyoona 1tuqaa4 kan karoorfame keessaa, Birrii biliyoona 1tuqaa 7 ol walitti qabuun danda’amuu ibsaniiru.
Galiin waggaa godinichaa irraa walitti qabame kunis karoora qabame irraa Birrii miliyoona 311 fi kuma 917 fi dhibba 8 caalmaa akka qabu beeksisaniiru.
Walitti qabinsa galii kana milkeessuufis hojmaata teeknoolojii dijitaalaa diriirsuu fi gibira kaffaluun dirqama lammummaa ta'uu irratti waltajjiin hubannoo uumuu walitti fufiinsaan gaggeeffamuu isaa kaasaniiru.
Magaalaa Nagallee Booranaatti dhiyeessaa fi raabsaa meeshaalee ijaarsaa kan ta'an Obbo Warquu Odaa akka jedhanitti, gibira isaanii amanamummaa fi yeroon kaffaluun dirqama isaanii bahachuusaanii ibsaniiru.
Gibirri nuyi kaffallu misooma bu'uraatiif ooluun deebi'ee uummata kan fayyadu ta'uusaa hubachuu keenyaan gibira yeroon kaffalleerra jedhaniiru.
Magaalichatti daldala meeshaalee garaa garaa irratti kan bobba'an Obbo Biniyaam Asaffaa gama isaaniitiin, gibira kaffaluun dirqama lammummaa fi misooma biyyaatiif ta'uu isaa dubbataniiru.
Amanamummaan gibira kaffaluun nagaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf murteessaa waan ta'eef, hundi keenya ittigaafatamummaa keenya bahachuu akka qabnu yaada dubbataniiru.
Obbo Sayid Badruu gamasaaniin gibirri kaffalan misooma biyyaatiif gumaacha mataa isaa akka qabu eeranii; amanamummaan gibira kaffaluun dorgommiin daldalaa haqa-qabeessa ta'e akka jiraatuu fi gaaffiin misooma bu'uraa uummataa deebii akka argatuuf qooda isaanii bahachuu isaanii addeessaniiru.