Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaambuutti Tajaajila Lammummaa Gannatiin arjoomni dhiigaa gaggeeffame.

Adoolessa, 7/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Tajaajila Lammummaa gannaatiin arjoomi dhiigaa gaggeeffamuun ibsame.

Sagantaa tajaajila lammummaa waktii gannaa gageeffamu keessaa Arjoomni dhiigaa tokko yoo ta’u, dhiiga yuunitii kuma 2 fi 500 arjoomaan walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Godinichatti tajaajila lammummaa gannaan qindoomina Waldaa Qaxxaamura Diimaa Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa fi Baankii dhiigaa damee Shaambuutiin hojiin dhiiga arjoomaan walitti qabuu ciminaan hojjetamaa jira.

Hojii gaggeessaa olaanaan Waldaa Qaxxaamura Diimaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Taaddalaa Dheeressaa akka jedhanitti, tajaajila lammummaatiin dhiiga walitti qabuun tajaajila fayyaa dhaqqabamaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.


 

Dhiiga bakka bu'uun lubbuu bakka bu'insa hin qabne baraaruu waan ta'eef dhiiga arjoomaa jiraachuu tola ooltootni Magaalaa Shaambuu tokko tokko himaniiru.

Hojii gaggeessaan Baankii dhiigaa damee Shaambuu obbo Shifarraa Tolasaa gamasaaniin, Baankiin dhiigaa damee shaambuu erga hundaa'ee yeroo gabaabaa ta'us haadholii, Daa'immanii fi namoota balaa tasaan dhiiga dhaban baraaraa jiraachuu fi bara kana dhiiga yuunitii kuma 2 fi 500 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dhiiga arjoomuun faayidaa malee miidhaa akka hin qabnee fi hawaasni hirmaannaa isaa cimsuun rakkoo dhiigaan lubbuu darbu hambisuun hawaasa fayyaa buleessa horachuu irratti hojjechuun akka barbaachisus himaniiru jechuun Waajjiri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa gabaaseera.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015