Pirojektoonni Jallisii xixiqqaa fi giddu-galeessaa Godinichatti ijaaraman dandeettii dandamannaa balaa Hawaasa Horsiisee-bulaa guddisaniiru - ENA Afaan Oromoo
Pirojektoonni Jallisii xixiqqaa fi giddu-galeessaa Godinichatti ijaaraman dandeettii dandamannaa balaa Hawaasa Horsiisee-bulaa guddisaniiru
Adoolessaa 7/2018 (ENA): Pirojektoonni Jallisii xixiqqaa fi giddu-galeessaa Godina Booranaatti ijaaraman dandeettii dandamannaa balaa hawaasa horsiisee-bulaa akka guddisan Bulchaa Ol'aanaan Gonichaa Obbo Abduusalaam Waariyoo ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheenya kana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif ibsa misooma qonnaa ilaalchisee kennaniin, naannoon Booranaa kanaan dura hongeen qoramaa ture, yeroo ammaa misooma qamadiitiin hojii guddaa hojjechaa akka jiru kaasaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas jireenya hawaasa horsiisee-bulaa fooyyessuufi qabeenya horii balaarraa baraaruuf hojiiwwan adda addaa raawwachaa jira.
Kanneen keessaa saaxilamummaa hongee qonnaan-bulaa fi horsiisee-bulaa hir’isuufi haala jireenyaa fooyyessuuf, ijaarsi pirojektoota jallisii xixiqqaa fi giddu-galeessaa isaan ijoodha.
Godini Booranaa godinoota pirojektoota ijaarsa bishaanii xixiqqaa fi giddu-galeessaa mootummaan naannichaa maqaa ‘Finnaa’ jedhuun moggaase kanaan fayyadamoo ta’an keessaa isa tokkodha.
Bulchaan Olaanaa Godinichaa Obbo Abduusalaam Waariyoo, Godini Booranaa hanqina bokkaan hongeef kan saaxilame ta’uu kaasanii, erga pirojektiin ‘Finnaa’ hojiitti galee asitti rakkoon kun furamaa dhufuu ibsaniiru.
Hidhawwan Jallisii hanga ammaatti tajaajila kennuu eegalan bishaan roobaa kuusuun yeroo hanqinni bokkaa mudatutti faayidaarra akka oolu gochuun, dandeettii dandamannaa balaa hongee hawaasichaa dabalaa akka jiru eeraniiru.
Yeroo ammaa Godina Booranaatti pirojektoonni ‘Finnaa’ 18 bishaan kuusuun tajaajila kennaa akka jiran yaadachiisanii; kanaanis hawaasni horsiisee-bulaa nyaata horii, kuduraafi muduraa, qamadii fi sanyiiwwan midhaanii adda addaa oomishaa jiraachuu beeksisaniiru.
Dabalataanis,kuusawwan bishaanii kanneenitti fayyadamuun nyaata horii misoomsuun, yeroo hongeen mudatutti loon rakkoof akka hin saaxilamne xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Pirojektoonni kunneen dandeettii dandamannaa balaa hawaasa horsiisee-bulaa guddisuu bira darbee, aadaa hojii jijjiiraa akka jirus hubachiisaniiru.
Akka Odeeffannoon Biiroo Jallisii fi Misooma Horsiisee-bulaa Oromiyaarraa argame mul’isutti, Pirojektoota ‘Finnaa’ jalaatti hidhawwan Jallisii 37 xumuramuun tajaajilaaf ga’aniiru.
Barana kuusawwan jallisii kanaan bishaan meetir kiyuubiikii miiliyoona 864 kuusuun, lafa bal’aa jallisiin misoomsuun danda’amuun ibsameera.