Magaalattiitti ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 6 dhaabuuf karoorsinee hojjechaa jirra - Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Magaalattiitti ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 6 dhaabuuf karoorsinee hojjechaa jirra - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Adoolessa 7/2018 (ENA)–Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa mata duree “Abdii haa dhaabnu” jedhuun gaggeeffamaa jiruun bulchiinsa magaalaa Finfinneetti biqiltuuwwan miiliyoona 6 dhaabuuf karoorfannee hojjechaa jirra jedhan kantiibaa Adaanech Abeebee.
Kantiibaa Adaanech hoggantootaa fi hojjettoota waajjirasaanii waliin ta’uun guyyaa har’aa Ynivarsiitii hubannoo namtolchee(AI)tti dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa gaggeessaniiru.
Ganna kana sagantaa biqiltuu dhaabuutiin magaalaa keenyatti biqiltuu miiliyoona 6 dhaabuuf karoorsinee hojjechaa jirra jedhaniiru.
Sagantaan biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa baranaa Waxabajjii 7 bara 2018 eegalchiisnee amma ammaatti biqiltuu miiliyoona 4 fi kuma 469 fi 710 dhaabneerra jedhan.
Raawwiin isaas dhibbantaa 75 qaqqabeera kan jedhan yoo ta’u biqiltuu dhaabuun qofti qofaasaa galma kaaneef bira waan nungeenyeef biqiltuu dhaabnes ni kunuunsina jechuun ergaa dabarsaniiru.