Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Oliiseenguun Obasaanjoo waliin mari’atan

Adoolessa 7/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a Oliiseenguun Obasaanjoo waajjirasaaniitti simatanii mari’ataniiru.

Jala bulti marii biyyaalessaa seena qabeessaatti, michuu Itiyoophiyaa kan ta’an angafticha Oliiseeguun Obasaanjoo waliin marii taasisuusaanii ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaasaaniirratti barreessaniiru.

Yeroo itti aanu marii biyyaalessaa ilaalchisuun mari’achuuf akkasumas hojiilee Kanaan dura raawwatan irraa ogummaa horachuun kan danda’ame yoo ta’u, keessumaa adeemsa nageenyaa Biyaafiraan gaggeessuudhaan muuxannoo horatan qooduusaanii ibsaniiru.

Kun ammoo tokkummaa fi imala nageenyaa Itiyoophiyaan mariidhaan mirkaneessitu irratti barumsa guddaa kan kennu ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan gumaacha tilmaamuun hin danda’amne kan Obasaanjoon gumaachaniif yoomiyyuu ni galateeffatti jedhan ministirri muummee ergaa dabarsaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015