Manni marichaa walgahii ariifachiisaa har’a taa’een wixineewwan labsii waliigaltee liqii lama irratti mari’atee raggaase - ENA Afaan Oromoo
Manni marichaa walgahii ariifachiisaa har’a taa’een wixineewwan labsii waliigaltee liqii lama irratti mari’atee raggaase
Adoolessa 7/2018 (ENA)- Manni marichaa walgahii ariifachiisaa har’a taa’een wixineewwan labsii waliigaltee liqii lama irratti mari’atee raggaase.
Manni maree bakka bu’oota ummataa jahaffaan bara hojii wagga shanaffaa walgahii ariifachiisaa 2ffaa gaggeesseera.
Manni marichaa walgahiisaa har’aatiin mootummaa Itiyoophiyaa fi rippaabiliikii Xaaliyaanii akkasumas baankii addunyaarraa karaa raawwii imaammata guddinaa fi misooma Itiyoophiyaa waliin wal simeen misooma fulla’aa fi amansiisaa Itiyoophiyaaf kan kennamu walii galtee liqii bajata deeggarsa raawwachiisuuf oolu sagalee raggaaseera.
Mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa mootummaa Tasfaayee beeljigee waliigaltee liqichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, waliigalteen liqii kun Yuuroo miiliyoona 70 yoo ta’u, kaffaltii tajaajilaa tokkollee akka hin qabaanne ibsaniiru.
Liqiin kun kallattiidhaan gara bajata mootummaa keessa akka galu ibsanii, hojiirra oolmaa dinagdee gooroo si’achiisuudhaan guddina ariifachiisuuf ni gargaara jedhaniiru.
Walii galteen kun yeroo bayyanannaa wagga 16 kan qabu yoo ta’u, wagga 30 keessatti kaffalamee kan xumuramu liqii yeroo dheeraa akka ta’e dubbataniiru.
Manni marichaa wixinee labsii waliigaltee liqii kana sagalee guutuun raddaaseera.
Akkasumas manni marichaa walii galtee liqii pirojektii dijitaalaayizeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa fi mootummaa Faransaayi jidduutti sadarkaa sirnoota to’annoo ajajaa fi bulchiinsa qabeenyaa raawwachiisuuf oolu mari’atee raggaaseera.
Mana marichaatti ministirri itti waamamaa mootummaa waliigalticha ilaalchisuun ibsa taasisaniin, waliigalteen kun deeggarsa faayinaansii Yuuroo miiliyoona 54 fi kuma 600 kan ofkeessatti qabate ta’uu dubbataniiru.
Walii galteen liqii kun bayyanannaa wagga 10 keessatti wagga 25tti kaffalamee kan xumuramu ta’uu eeranii, dhallisaas 0 tuqaa 347 dhala xiqqaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Walii galteen liqii kun imala dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaa kan si’achiisu akka ta’e eeraniiru.