Naannichatti Qonnaan-bulaafi Horsiisee-bulaan hundi waktii Qonnaatti hojii Misooma Qonnaarratti akka hirmaatu taasisuun danda'ameera - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti Qonnaan-bulaafi Horsiisee-bulaan hundi waktii Qonnaatti hojii Misooma Qonnaarratti akka hirmaatu taasisuun danda'ameera
Adoolessa 7/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Qonnaan bulaafi horsiisee-bulaan waktiiwwan qonnaa hundarratti hojii misooma qonnaarratti akka hirmaatu taasisuun danda'amuusaa Biroon Qonnaa Naannichaa beeksise.
Naannichatti omishni Arfaasaa bara 2018tti misoome lafa hektaara kuma 500 olirra walitti qabamuunsaa ibsameera.
Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ENA'f akka ibsanitti; damee qonnaatiin jireenya Qonnaan-bulaafi horsiisee-bulaa naannichaa haala fulla’aa ta'een fooyyessuuf hojiiwwan dandeessisan hojjetamaa jiru.
Haaluma kanaan, waggoottan darban keessa qonnaan-bulaafi horsiisee-bulaan waktiiwwan qonnaa hundatti hojii misooma qonnaarratti akka bobba'u taasisuun danda'ameera jedhaniiru.
Waktii misooma kanatti keessattuu waqtii Arfaasaa qonnaan-bultoonniifi horsiisee-bultoonni naannawaa gammoojjii jiraatan hojii qonnaarratti bal'inaan hirmaachuun,nyaataan of-danda’uu bira darbee gabaa tasgabeessuuf hojiiwwan gargaaran raawwachuu isaanii ibsaniiru.
Naannichatti bara 2018 godinaalee midhaan Arfaasaa omishanitti lafa hektara miliyoona 2tti dhiyaatu midhaan adda addaatiin misoomuu isaa eeraniiru.
Qonnaan-bulaan sanyiiwwan midhaanii hongee dandamachuu danda'aniifi yeroo gabaabaa keessatti gahan kanneen akka Qamadii,Bisingaa,Boqqolloo,Baaqelaafi Daagusaa akka dhiyaatan taasifamuus eeraniiru.
Naannichatti bakkeewwan hojiin qonna Arfaasaa bal'inaan itti raawwatamu keessaa godinaaleen Baalee, Baalee Bahaa, Gujii, Gujii lixaa, Harargee Bahaa, Harargee lixaa, Arsii, Arsii lixaafi Booranaa kan eeraman ta’uu Obbo Bariisoon ibsaniiru.
Yeroo ammaa midhaan Arfaasaan omishame bilchaate walitti qabuun jalqabuu isaa kan ibsan itti-aanaan hoogganaa kun, hamma yoonaatti midhaan lafa hektaara kuma 500 irratti misoome walitti qabamuusaa mirkaneessaniiru.
Milkaa'ina misooma Arfaasaatiif Biiroon Qonnaa Naannichaa xaa'oo biyyeefi sanyiiwwan filatamoo yeroon qonnaan-bulaafi horsiisee-bulaaf dhiheessuusaa ibsuun; qophii lafaarraa eegalee hamma sassaabbii callaatti deeggarsi ogummaa fi hordoffiin walitti fufaan taasifamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru.