Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad: - ENA Afaan Oromoo
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad:
Yeroo Itiyoophiyaan marii biyyaalessaa seena qabeessaa fi guddaa ta’eef qophaa’aa jirtu yeroo seenaa murteessaa ta’e kanatti, Lammii biyya koo hundaaf waamicha guddaa fi kabajamaa dabarsun qaba.
Mariin boru eegalu waltajjii siyaasaa guutuu qofa osoo hin taane, boqonnaa seenaa haaraa hiree fi abdii egeree dhaloota keenyaa guutummaatti murteessudha.
Nageenya waaraa, tasgabbii fi badhaadhina waliigalaa biyya keenyaaf kan tattaafattan, guddummaa Itiyoophiyaaf kan dhimmaman hundi, fardis dirreenis kunooti.
Akkuma abboonnii fi haadholiin keenya kaleessa Adwaatti bilisummaa, birmadummaa fi kabaja biyyaaf dhiigaa, lafee fi lubbuu isaanii wareegan, Itiyoophiyaan har’as ijoollee ishee kutannoo qaban kan hambaa seenaa baatanii deeman barbaaddi.
Haa ta'u malee, har'a biyyi keenya meeshaa waraanaa osoo hin taane, kan isheen barbaaddu qabsaa'ota nagaa ogummaa, dhugaa, beekumsaa fi ciminaan hidhatan dha.
Har’as akkuma kaleessaa jala bultii injifannoo guddaa irra jirra; sababni isaas injifannoon Itiyoophiyaa fi ummata ishee waan hin oolleef!
Haasaa qaroome, marii karaa nagaa fi waliigaltee sabaatiin, qormaata nu mudate hunda irra aanuun gara badhaadhinaatti waliin tarkaanfanna!