Emiiriin Kuwaataar Sheek Tamaam Biin Hamaad Al-taanii Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin masaraa Lusaayitti simatanii dubbisan - ENA Afaan Oromoo
Emiiriin Kuwaataar Sheek Tamaam Biin Hamaad Al-taanii Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin masaraa Lusaayitti simatanii dubbisan
Adoolessa 7/2018 (ENA)- Emiiriin Kuwaataar Sheek Tamaam Biin Hamaad Al-taanii Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin masaraa Lusaayitti simatanii dubbisaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita kana, du’a Amiirii duraanii Sheek Hamaad Biin Kaliifaa Al-taaniitti gadduusaanii ibsaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad du’a Amiirii duraanii Sheek Hamaad Biin Kaliifaa Al-taanii ilaalchisuun ergaa gaddaa dabarsaniin amiiriin duraanii gaanfa Afriikaatti nagaa buusuuf, mariif bu’ura kaa’uudhaan gumaacha guddaa kan taasisan hogganaa qaroo akka turan niyaadatama.
Keessumaa Itiyoophiyaaf xiyyeeffannaa addaa kennaa akka turee fi michoomni biyyoota lamaanii hiijiraa jalqabaarraa eegalee bu’ura gadi fagoo bara dheeraa akka qabu ibsaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Amiirii duraanii Sheek Hamaad Biin Kaliifaa Al-taanii du’usaanii hordofee ummataa fi mootummaa Kuwaataariif gadda itti dhaga’ame ibsuuf Kuwaataar dhaquunsaanii ni beekama.