Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bor walga'ii ariifachiisaa 2ffaa isaa ni gaggeessa - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bor walga'ii ariifachiisaa 2ffaa isaa ni gaggeessa
Adoolessa 6/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa 6ffaan bara hojii waggaa 5ffaa keessatti walga’ii ariifachiisaa 2ffaa isaa boru Adoolessa 7 bara 2018 ni gaggeessa.
Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa bor gaggeessu kanaan, wixinee labsiiwwan waliigaltee liqaa Mootummaa Rippabiliika Dimokiraatawii Federaalaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Rippabilika Xaaliyaanii akkasumas, Mootummaa Rippabiliika Dimokiraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Rippabliika Faransaay gidduutti taasifaman raggaasisuuf dhiyaatan xiinxalee ni raggaasisa jedhamee eegama.