Tamsaasa Kallatti:

Bara bajataa xumurame sagantaa barnoonni dhalootaaf naannoo Harariitti hojjetameen hojiin bu’a qabeessi raawwatameera

Adoolessa 6/2018 (ENA): Bara bajataa xumurame sagantaa barnoonni dhalootaaf naannoo Harariitti hojjetameen hojiin bu’a qabeessi raawwatamuusaa biiroon barnootaa naannichaa ibse.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wal gahii idilee 30ffaa bara hojii wagga 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti raawwii mootummaa bara bajataa 2018 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniin, hojiilee damee barnootaan hojjetamaniin jijjiiramni dhufaa jiraachuu ibsaniiru.

Barnoonni jalqabarraa bu’urri yoo hin jabaanne kan gubbaa bu’a qabeessa akka hin taane kan eeran ministirri muummee, oolmaa daa’immanii babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennameen oolmaa daa’immanii kuma 35 ijaaramuu eeraniiru.

Itti aanaan hogganaa biiroo barnootaa naannoo Hararii obbo Arsalaan Abdii dhimma kanarratti yaada kennaniin, naannoo Harariitti bara bajataa xumurame sagantaa barnoonni dhalootaaf naannichatti hojjetameen hojiin bu’a qabeessi raawwatameera.

Hojii qindaa’aa sosochii ummataa fi ogeeyyota barnootaan hojjetameen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hirmaannaa dabaluu fi qabxii barattootaa gama fooyyessuutiin hojiin fooyyee qabu hojjetamuu eeraniiru.

Keessumaa bara bajatichaa hojii mana barumsaa idileen duraarratti hojjetameen maneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa magaalaa fi baadiyyaatti argaman keessatti barnoota idileen duraa kennuun akka danda’ame ibsaniiru.

Barattoota barnoota idileen duraa fi amma kutaa afuriitti jiran hunda keessatti sagantaan nyaataa gaggeeffamuu beeksisaniiru.

Bara barnootaa 2019tti barattoonni kuma 20 ol barnoota mana barumsaa idileen duraa akka hirmaatan karoorri qabamuu ibsuun, kanaafis godinaalee baadiyyaa naannichaa keessatti manneen barnootaa barnoota idileen duraa haaraa 6 ijaaramaa jiraachuu himani.

Hojiileen sagantaa “Barnoota Dhalootaaf” jedhuun naannichatti hojjetamaa jiran sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu qofa osoo hin taane, barattoonni barnoota isaanii sirnaan akka hirmaatan gochuudhaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiran ibsaniiru.

Bara baajataa darbe keessa hojiin birrii miiliyoona 38tti tilmaamamu gama maallaqaa, gosaafi beekumsaan hojjetamuusaa ibsuun, akkasumas hojiiwwan misoomaa birrii miiliyoona 42 ol ta’u waqtii Gannaa bara kanaa keessatti akka hojjetamu beeksisaniiru.

Hojiileen bal’aa damee barnootaa naannichatti hojjetaman bara barnootaa kana keessatti cimanii kan itti fufan ta’uus itti aanaan hogganaa Biiroo kun mirkaneessaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015