Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan damee Qonnaa guddisuuf hojjetaman bu’aa gaarii argamsiisaniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan damee Qonnaa guddisuuf hojjetaman bu’aa gaarii argamsiisaniiru
Adoolessa 6/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa kanatti hojiiwwan damee Qonnaa keessatti hojiirra oolan bu'aa argamsiisuu isaanii Komishinarri Komishinii karooraafi Misooma Naannichaa Dr. Abdii Yaayyuu ibsan.
Gamaggamni raawwii hojii damee dinagdee bara baajataa 2018 Mootummaa fi paartii naannichaa gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti gabaasa kan dhiheessan Komishinarri karooraa fi Misooma Naannichaa Dr. Abdii Yaayyuu akka jedhanitti; naannichatti oomishtummaa sektera qonnaa guddisuuf tekinoolojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi deeggarsa hunda-galeessa taasifaman bu’aa guddaa argamsiisaniiru.
Kanaafis ragaa kan ta'u, magaalotaa fi baadiyyaa keessatti horsiisni saawwan Aannanii karaa ammayyaa’aatiin hojiirra ooluusaa fi Lukkuun sanyiin filataman qonnaan bultootaaf raabsamuu isaanii dubbataniiru.
Kana malees, damee horsiisa qurxummiitiin cuuciin qurxummii miiliyoona 1tuqaa 9 ol ta'an qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf raabsamuun gara kuusawwan (harawwan) horsiisaatti akka galan ibsaniiru.
Oomishtummaa midhaanii qonnaan bultootaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi dhiheenyaatti walitti hidhamiinsa gabaa akka argataniif wiirtuuleen gabaa mijatoon ijaarramuu isaanii komishinarichi eeraniiru.
Kunis fayyadamummaa dinagdee qonnaan bultootaa guddisuu bira darbee, carraa hojii uumuu fi qaala'iinsa jireenyaa dandamachuuf gargaarsa guddaa taasisuusaa ibsaniiru.
Rakkoo hojii dhabdummaa naannicha keessatti mul'atu furuuf tattaaffii bal'aa taasifameen, bara baajataa kanatti lammiilee miiliyoona 2tuqaa 7 ol ta'aniif carraan hojii haaraan uumamuun danda'eera jedhan.
Misooma hunda-galeessa naannichaa dandeettii ofiitiin uwwisuuf yaalii walitti qabinsa galii keessaa guddisuuf taassifameenis galiin fooyya’aan walitti qabamuun danda'amuun ibsameera.
Bara baajataa kanatti investimantii babal’isuuf carraaqqii qindoominaa taasifameen abbootii qabeenyaa haaraan misoomsan kuma13fi147 hawwachuu akka danda'an dubbataniiru.
Dhaqqabamummaa tajaajila hawaasummaa uummataa mirkaneessuuf yaalii taasifameenis Sekteroota Barnootaa, Fayyaa, Bishaan dhugaatii qulqulluu fi misooma daanditiin raawwiin baay'ee fooyya'aanii fi jajjabeessaan galmeeffamuu isaa kaasaniiru.
Gamaggamni Raawwii hojii mootummaa fi paartii Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jiru kun guyyoota dhufanittis kan ittifufu ta'uu sagantaa bahe irraa beekuun danda'ameera.