Misoomni qabeenya beelladaa Itiyoophiyaa fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyassuudhaan bu’aa agarsiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Misoomni qabeenya beelladaa Itiyoophiyaa fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyassuudhaan bu’aa agarsiisaa jira
Adoolessa 6/2018 (ENA)- Misoomni qabeenya beelladaa Itiyoophiyaa fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyassuudhaan bu’aa agarsiisaa jiraachuu de’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa ibsan.
Yaa’iin ministeerri qonnaa gamtaa Afriikaatti biiroo qabeenya beelladaa guutuu Afriikaa waliin ta’uun qopheesse Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
De’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa wayita kana akka jedhanitti, foramichi misooma beelladaa Afriikaa keessatti gabbisuudhaan kallattii imaammataa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu danda’u, horsiisee bultoonni gabaa fooyya’aa akka argatanii fi fayyadama biyyootaa guddisuuf kaa’uuf kan akeekamedha.
Itiyoophiyaan misooma qabeenya beelladaa guddisuudhaaf tarkaanfiiwwan fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa mirkaneessan fudhachuudhaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.
Akka Kanaan hanqina bishaanii fi nyaata beelladaa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa mudatan fulla’insaan kan furan akkasumas dhaabbilee beelladni itti waldhaanaman babal’ifamaa akka jiran eeraniiru.
Gamtaa Afriikaatti daarektarri biiroo qqabeenya beelladaa Dr. Huyaam Saaliih Afriikaan qabeenya beellada addunyaa keessatti qooda guddaa qabaattus, sona kanarraa kan isheen argattu baay’ee xiqqaadha.
Fuulduras qabeenya beelladaa Afriikaa misoomsuudhaan fayyadama qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyessuuf gama hundaanuu filmaattota invastimantii jiran bal’isuun akka barbaachisu ibsaniiru.
See less