Qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa Afrikaa fooyyessuuf ijaarsi dandeettii dijitaalaa barbaachisaadha - Gamtaa Afrikaa - ENA Afaan Oromoo
Qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa Afrikaa fooyyessuuf ijaarsi dandeettii dijitaalaa barbaachisaadha - Gamtaa Afrikaa
Adoolessa 6/2018 (ENA): Gamtaan Afrikaa sirna dijitaalaa qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa Afrikaa fooyyessuu danda’u ijaaruun barbaachisaa ta’uu ibseera.
Ekspoon Kalaqa Barnoota Afrikaa 2026 Waajjira Muummee Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamaa jira.
Ekspoon guyyoota lamaaf turu kun mata duree "Jijjiirama Dijiitaalaa Barnootaa fi Furmaata Kalaqaa Guddisuu" jedhuun, kalaqxoota, dhaabbilee qorannoo fi qooda fudhattoota walitti fide gaggeeffameera.
Gamtaa Afrikaatti Komishinarri barnoota, Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveeshinii Piroofeesar Gaaspardi Baaniyan Kimbiinaa yeroo kanatti akka dubbatanitti, Afrikaan humna hojjetaa ogummaa qabu damee ogummaa adda addaa irratti ijaaruu qabdi jedhani.
Kanaafis waadaa siyaasaa Gamtaan Afrikaan galame waliin walsimsiisuun Afrikaanonni addunyaa jijjiiramaa jirtu keessatti beekumsaa fi dandeettii dhaloota isaanii guddisuuf ciminaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Afrikaatti sirna barnoota dijitaalaa hunda hammate hundeessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuun, galtee barnootaa dijitaalaa dhiyeessuu irrattis caalaatti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Itti dabaluunis, barnoota dhala namaatiif dhaqqabamaa taasisuu fi dandeettii teeknooloojii barsiisotaa guddisuun barnoota jijjiiruuf furtuudha jedhan.
Dandeettii dhaabbilee qorannoo guddisuunis xiyyeeffannoo biyyootaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Gamtaan Afrikaa barnoota ardii kana ammayyeessuuf qooda fudhattoota waliin hojii isaa cimsuus mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#