Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan Misoomaa gaaffiiwwan bu’uuraa uummataa furuu dandeessisan raawwatamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan Misoomaa gaaffiiwwan bu’uuraa uummataa furuu dandeessisan raawwatamaniiru
Adoolessa 6/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan misoomaa gaaffiiwwan bu’uuraa uummataa furuu dandeessisan raawwatamuu isaanii Pireezidantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.
Gamaggamni raawwii karoora hojii mootummaa fi paartii kan bara baajataa 2018 Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.
Wayita sana Pireezidantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa, waggoottan shanan darbanitti gaaffiiwwan misoomaa uummata naannichaan ka'aa turan qabatamaan deebii argataniiru jedhan.
Keessattuu bara baajataa xumurame keessa dameewwan hundaan bu'aawwan milkaa'oon galmeeffamuu isaanii ibsuun; adeemsa kanaan hoggansi nageenya naannichaa mirkaneessuu dhaan, misoomni hawaasummaa fi dinagdee akka ariifatu taasiseera jedhaniiru.
Baajata mootummaa fi hirmaannaa uummataa qindeessuudhaan gaaffii misoomaa uummataa deebisuuf carraaqqiin taasifame bu'a qabeessa akka turees kaasaniiru.
Kanaanis, hoggansi naannichaa injifannoowwan argaman cimsanii itti fuufsiisuuf tooftaawwan dandeessisan sakatta'uu fi hanqinoota mul'atan adda baasuun hojiiwwan itti aananiif qophaa'uu akka qaban ibsaniiru.
Bara baajataa itti aanuttis poteenshaala jiruu fi fedhii misoomaa naannicha jiruun kan walsimu karoora hiixataa qopheessuun,filannoowwan jiran hundatti guutummaatti fayyadamuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Keessattuu badhaadhina maatii mirkaneessuuf qusannaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuun kan qaban yoo ta'u; yaa'insa investimantii ariifachiisuuf godinaalee ,Aanaalee fi magaalota keessa haalawwan mijatoo jiran sakatta'uu fi hojii irra oolchuun akka qaban hubachiisaniiru.
Dabalataanis, dandeettii fi gahumsa hoggansa ganda irraa kaasee hanga naannootti jiru gamaggamaan sakatta'uun, bu'aawwan murtaa'a argamaniin osoo hin dagatiin ammas dandeettii guutuun socho'uun akka barbaachisu dubataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Oromiyaa Obbo Kafyaalawu Tafarraa gama isaaniitiin, bara baajataa kanatti riifoormii siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee gara qabatamaatti jijjiiruu keessatti injifannoowwan abdii namatti horan galmeeffamuu ibsaniiru.
Bara baajataa xumurame qofa keessatti pirojeektonni gara kuma 21 ta'an ijaaramanii tajaajila uummataaf akka oolan taasifamuu kaasanii; kunis raawwii karoora waggichaa bu'a qabeessa kan taasise yoo ta'u, raawwiinsaa guutuu Godinaalee fi magaalotaatti wal-fakkaataa ta'uu dhabuu isaa eeraniiru.
Filannoo biyyaalessaa torbaffaa irratti uummatni ba’ee hirmaachuun fedhii jabaa dimokiraasiif qabu kan agarsiise fi injifannoon siyaasaa guddaan kan galmeeffame ta’uu kan eeran hoggantoonni kun; bara baajataa haaraa qabame kanatti hoggansi guutummaa dandeettii fi kutannoon socho'uu akka qabu dhaamaniiru.