Bulchiinsi magaalichaa bara 2018 keessa galii Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 50 walitti qabe - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsi magaalichaa bara 2018 keessa galii Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 50 walitti qabe
Adoolessa 6, 2018 (ENA) : Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara baajataa 2018 keessa galii Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 50 walitti qabe jedhan Kantibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen.
Bara baajataa kana maddeen galii babal’isuun haala haqa qabeessa ta’een galii walitti qabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu kaasan Kantiibaa Adaanech Abeebeen ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Galiin argames kan bara darbeen yoo madaalamu Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 16 ol caalmaa qabaachuu himaniiru.