Tamsaasa Kallatti:

Lammiileen Itiyoophiyaa 1,971 Sa'udii Arabiyaatti dhiifamni godhameef balalii walduraa duubaan gara biyyaatti deebifamaa jiru

Adoolessa 6/2018 (ENA): Lammiileen Itiyoophiyaa dhiifama mootii aangawoonni Sa’uudii biyya isaaniif kennan fayyadamoo ta’an 1,971 balalii walduraa duubaan gara biyyaatti deebisuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministeerri Dhimma Alaa haala Itiyoophiyaanota Sa’uudii Arabiyaa keessattuu kanneen murtii seeraa fi murtii mana murtii irratti murteeffame irratti qaamolee dhimmi ilaallatu Sa’uudii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu ibseera.

Ministeerri kun lammiilee Itiyoophiyaa Sa’uudii Arabiyaa keessatti haala rakkisaa keessa jiran ilaalchisee ibsa kenneera.

Barreeffamni ibsichaa guutuun akka armaan gadiitti dhiyaateera:

Ministeera Dhimma Alaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa; Haala lammiilee Itiyoophiyaa Saawud Arabiyaatti, keessumattuu dhimmoota adeemsa seeraa fi murtii abbaa seerummaa waliin walqabatan irratti aangawoota Saawud Arabiyaa dhimmi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu itti fufee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa nageenya, tasgabbii fi deeggarsa qoonsilaa lammiilee isaa biyya alaa jiraataniif iddoo guddaa kenna. Mootummaan karaa hoggansa olaanaa isaatiinis dhimma lammiilee Sa’uudii Arabiyaa keessatti haala rakkisaa keessa jiran irratti aanga’oota biyyattii waliin marii walduraa duubaan gaggeessee jira.

Akkasumas, karaa Imbaasii Itiyoophiyaa Riyaad jiruu fi Qoonsilaa Jeneraalaa Jiddaatti argamuun, lammiilee Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa jiraniif araara namoomaa gaafachuu, deeggarsa qoonsilaa kennuu fi furmaata barbaachisaa ta’e barbaaduuf aanga’oota Sa’uudii dhimmi ilaallatu waliin taasifamu cimsee jira.

Tattaaffiin dippilomaasii fi qoonsilaa itti fufee jiru kun bu’aa namoomaa gaarii argamsiiseera.

Hanga har’aatti lammiileen Itiyoophiyaa 1,971 dhiifama mootii aanga’oonni Sa’uudii kennan irraa fayyadamoo ta’aniiru; mootummaan Itiyoophiyaa balalii idileetiin lammiilee kana gara biyya isaaniitti deebisaa jira.

Adeemsi kun tumsaa fi hariiroo biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf dhimma qoonsilaa fi namoomaa irratti mul’ate kan calaqqisiisu ta’uu Ministeerichi ni hubata.

Ministeerri Dhimma Alaa filannoowwan dippilomaasii fi qoonsilaa jiran hunda fayyadamuun dantaa, mirgaa fi nageenya lammiilee Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan kabachiisuuf kan itti fufu yoo ta’u, dhimmoota lammiilee isaa ilaallatan hafan irrattis qaamota dhimmi ilaallatu mootummaa Sa’uudii Arabiyaa waliin hariiroo qabu cimsuu itti fufa.

Adoolessa , 2018

Ministeera Dhimma Alaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015