Tamsaasa Kallatti:

Waggoota jijjiiramaa darban keessa Dabra Maarqos dabalatee buufatni xiyyaaraa biyya keessaa shan ijaaramanii tajaajila jalqabaniiru

Adoolesa 5/2018 (ENA): Waggoota jijjiiramaa darban keessa Dabra Maarqos dabalatee buufatni xiyyaaraa biyya keessaa shan ijaaramanii tajaajila eegaluu isaanii Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa beeksise.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Buufata Xiyyaaraa Mootii Taklahayimaanot Dabra Maarqos eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.


Hoji-geessisaan Ol'aanaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Masfin Xaasawu sirna kanarratti; daandiin qilleensichaa bu'uura misoomaa guddaa kana ijaaree magaalaa Dabra Maarqosii fi jiraattota naannichaatiif tajaajila geejjiba qilleensaa amansiisaa dhiyeessuu isaa ibsaniiru.

Hoji-geessisaan Ol'aanaan kun akka ibsanitti, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa magaalaa Dabra Maarqosiif tajaajila balallii kennuu kan eegale waggoota 50 dura ture.

Ta'us, daandiin qilleensichaa xiyyaarota "DC-6" tajaajilaan ala yeroo taasisutti, balalliin sun waggoota dheeraaf addaan citee turuu isaa ibsaniiru.

Sababiin guddaan balalliin sun addaan citeef, xiyyaarotni daandiin qilleensichaa balallii biyya keessaatiif ramade gurguddoo ta'uu isaanii fi buufatni xiyyaaraa Dabra Maarqos yeroo sana ture xiyyaarota sana keessummeessuuf dandeettii dhabuu isaan akka ture ibsaniiru.


 

Sababa kanaanis, uummanni naannichaa gara Finfinneetti imaluu yeroo barbaadutti, sulula laga Abbayyaa kan nuffisiisaa ta'e qaxxaamuree kiiloo meetra 300 konkolaataadhaan imaluun filannoo tokkicha ta'ee turuu isaa yaadachiisaniiru.

Yeroo dhihoo asittis rakkoolee daandii irratti darbee darbee mudatan jalaa ba'uuf, jiraattonni konkolaataadhaan gara Baahir Daaritti imaluun, karaa sanaan xiyyaaraan gara Finfinneetti imaluuf dirqamaa akka turan eeraniiru.

Hojii jalqabuun buufata xiyyaaraa gaaffii seenaa uummataa deebise kun, uummanni gara Finfinnee ykn Baahir Daaritti sa'aatii tokkoo gadi keessatti geejjiba qilleensaa nageenyisaa eegamee fi mijataa ta’een imaluuf kan dandeessisudha jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015