Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad du'aan boqochuu Amiira duraa Kaataar Sheek Hamaad Biin Kaliifaa Al Taaniin gadda itti dhaga'ame ibsan

Adoolessa 5/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Amiirri duraanii Kaataar Sheek Hamad Biin Kaliifaa Al Taanii lubbuun darbuutti gadda itti dhagahame ibsuun, mootummaa biyyattii fi uummata Kaataariif jajjabina hawwaniiru.

Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin, "Amiira " Sheek Hamaad Biin Kaliifaa Al Taanii keessattuu gaanfa Afriikaa keessatti nageenya buusuuf, mariidhaaf bu'uura kaa'uu irratti gahee guddaa kan gumaachan gaggeessaa ogeessa akka turan ibsaniiru.

Keessattuu Itiyoophiyaadhaaf xiyyeeffannoo addaa kennaa akka turanii fi michummaan biyyoota lamaanii jalqaba Hijiraa irraa eegalee bu'uura seenaa dheeraa akka qabu deddeebisanii ibsaa akka turan Ministirri Muummee yaadachiisaniiru.

Daawwannaan hojii isaan Itiyoophiyaatti taasisan immoo michummaa tarsiimawaa biyyoota lamaanii fi waliigalteewwan tumsaa mallatteeffamaniif bu'uura kan kaa'e akka ture ibsaniiru.

Hariiroon seenaa biyyoota lamaanii kun gaggeessummaa Amiira ammaa Sheek Taamiim Biin Hamaad Al Taaniitiin caalaatti cimee akka itti fufu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad amantaa qaban ibsuun; gaggeessaa du'aan boqotan kanaaf boqonnaa, maatii isaanii fi uummata Kaataariif jajjabina hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015