Tamsaasa Kallatti:

Ergaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dabarsan:

Buufata Xiyyaaraa Mootii Takilahaymaanot kan uummani Dabre Maarqoosii fi naannawa ishee waggoota hedduuf hawwiin eegaa turee fi waggoota 30f addaan citee ture, bifa ammayyaa fi sadarkaansaa fooya’ee ijaaramee har'a ifatti eebbisiisneerra.


 

Buufanni Xiyyaaraa dheerina meetira kuma 2fi 400 bal'ina meetira 30 irratti ijaarame kun, xiyyaarota gurguddoo uummataa fi meeshaalee fe'an kanneen akka Q400 fi B737 qubachiisuuf dandeettii ol'aanaa uumeera.

Buufatni xiyyaaraa kun hojii eegaluunsaa sochii Daldalaa, Investimentii fi Turizimii naannichaa haala ol'aanaan kakaasuun, guddina dinagdee naannichaa fi guutuu biyya keenyaatiif boqonnaa haaraa bana.

Qormaatilee gara carraatti jijjiiruudhaan, gaaffiwwan misoomaa uummata keenyaa sadarkaan deebisuufi pirojektoota gurguddoo eegalle qulqullinaa fi ariitiin xumurre eebbaaf geessisuuf kutannoo qabnu gochaan argisiisuu keenya itti fufna.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015