Tamsaasa Kallatti:

Magaalaan Finfinnee Ijaarsa Seenessa Waloo Cimsuun gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa ta'aa jirti

Adoolessa 5 / 2018 (ENA): Magaalaan Finfinnee ijaarsa seenessa waloo fi tokkummaa cimsuudhaan gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa ta'aa dhufuushee Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa'ii idilee 4ffaa bara hojii 5ffaa isaa galma yaa'ii mana marichaa Giddu-gala Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeessaa jira.


Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee yaa'ii idilee mana marichaa kana irratti gabaasa raawwii hojii waggaa kan bara baajataa 2018 Bulchiinsa Magaalichaa dhiyeessaa jiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee gabaasa isaaniitiin; Finfinnee akka maqaa ishiitti miidhagsuuf waadaa gallerratti hundaa'uun, waggoottan shanan darban keessatti jijjiiramoota bu'uuraa fi hundee-qabeessa ta'an hedduu raawwachuu dandeenyee jirra jedhaniiru.


Dabalataanis, ilaalchota boodatti hafoo fi rakkoolee hundee gadi fageeffatanirratti, jabeenyaan qabsaa’uun, Finfinnee siyaasa faayidaa hin qabne wal-dhiibuu fi wal-harkisuurraa walaba kan taate, gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa gochuun akka danda'ame dubbataniiru.

Akka fakkeenyaattis, Gidduu-gala Yaadannoo Injifannoo Adwaa ijaaruudhaan, bu'uura seenessa waloo fi walitti qabaa ta'e ijaaruu dandeessisu ta’uusaa akka ragaatti hubachiisaniiru.

Finfinneetti nageenyi fulla'aan akka mirkanaa'u, miidhagduu, magariisaa fi qulqulluu gochuun, fakkeenya badhaadhina Itiyoophiyaa akka taatuuf bu'uuraaleen dandeessisan lafa qabachaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalattii jijjiiruudhaan, magaalittiin Afriikaa keessaa magaalota qulqulluu kudhan keessaa tokko ta'uun beekamtii idil-addunyaa argachuu ishee kaasaniiru.

Uwwisni Magariisummaa Magaalattii dhibbeentaa 2tuqaa8 irra ture gara dhibbeentaa 24tti ol guddachuun isaas ragaa jijjiirama bu'uuraa kan biroo ta'uusaa eeraniiru.

Daandileen Finfinnee bal'aa, dukkana magaalittii dura ture ifaatti jijjiiramuu kan ibsan kantiiba Adaanech; kunis dandeettii Magaalittiin yaa'iiwwanii fi daawwattootaa hedduu keessumsiisuuf qabdu akka dabale ibsaniiru.

Giddu-gala dippilomaasii ta'uunshees caalaatti cimee, Itiyoophiyaanota qofa osoo hin taane, Afriikaanotni hundi 'Magaalaa guddoo keenya' jedhanii kan waamanii fi hunda keenyaa kan boonsu ta'uu ishee ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015