Dorgommiin Fiigicha kiiloomeetira 5 Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qopheesse gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dorgommiin Fiigicha kiiloomeetira 5 Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qopheesse gaggeeffamaa jira
Adoolessa 5 / 2018 (ENA): Fiigichi guddaan kiiloomeetira 5 Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qopheesse Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.
Mata-duree "Itiyoophiyaan mari'achaa jirti" jedhuun sagantaa Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamaa jiru kanarratti Dubartoota, Daa'immanii fi Dargaggoota dabalatee kutaaleen hawaasaa hedduun hirmaachaa jiru.
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan walii galaa(guddaan) Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta'u; bakka bu'oonni uummataa biyya keessaa fi alaa yaa’ii walii galaa kana irratti hirmaatanis gara Finfinnee seenaa jiru.
Marii walii galaa (guddaa) kanarratti, bakka bu'oonni uummataa dhimmoota guguddoo saddeet kanneen armaan gadii irratti kan mari'atan ta'a:
Ijaarsa biyyaa,
Caasaa fi gurmaa’insa Mootummaa,
Sirna siyaasaa, bakka bu'ummaa fi sirna filannoo,
Dhimma Magaalota Federaalaa (Finfinnee fi Dirree Dhawaa),
Dhimmoota Amantii,
Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa Seeraa fi mirga namoomaa,
Dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee (dhimma qonnaan bulaa fi horsiisee-bulaa dabalatee), Akkasumas Malaammaltummaa, Bulchiinsa gaarii fi ijaarsa nageenyaa dabalatee dhimmoota ijoo saddeet irratti bakka bu’oonni uummataa kan marii’atan ta’a.
Sagantaa fiigicha kiiloomeetira 5 Addabaabayii Masqalaatti qophaa'e kana irratti, Itti-aanaan Walitti-qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Obbo Azmiraawu Andamoo, Komishinarri olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ari'aayaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo fi Komishineeroonni Komishinichaa argamaniiru.