Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan dandeettii hojmaataa fi teeknooloojii nageenya saayibarii eegsisuu dandeessisu horatteetti

Adoolessa 4/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan dandeettii seeraa, hojmaataa fi teeknooloojii nageenya saayibarii eegsisuu dandeessisu horachuushee bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo ibse.

Foramiin nageenya odeeffannoo paarlaamaa idil addunyaa kaleessa Adoolessa 3 bara 2018 irraa eegalee guyyoota lamaaf galma wal gahii mana maree bakka bu’oota ummataatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Itti fayyadamni hubannoo nam-tolchee , nageenyi saayibarii, eegumsi bu’uraalee misoomaa ijoo, namoota seeraan ala deddeebisuu fi dhimmoota akka addunyaatti yaaddoo ta’an irratti waltajjii kanaan bal’inaan mari’atameera.

Itti aanaan daarektara bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Daani’eel Guutaa wayita kana akka jedhanitti, yaaddoowwan nageenya Saayibarii daangaa kan cehan waan ta’eef yaaddoo qolachuuf seerota idil addunyaa wal simsiisuu fi hojiin qindoominaa murteessaadha.

Biyyoonni nageenya saayibarii eegsisuu fi haleellaawwan aggaamaman seera wal siman qabaachuu akka qaban kaasanii, Itiyoophiyaanis haala Kanaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan nageenya saayibarii eegsisuu kan ishee dandeessisu dandeettii seeraa, hojmaataa fi teeknooloojii horatteetti.

Foramiin kun Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil addunyaa qophheessuuf dandeettii qabdu agarsiisuu fi biyya beeksisuuf gumaacha kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

Miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Naayijeeriyaa fi foramichaa Dr. Agbadii Yeetiiyenee Fireedriik foramii Itiyoophiyaatti qophaa’erratti hirmaachuunsaanii biyyoota garagaraa irraa muuxannoo wal jijjiiruuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Inistiitiyuutii teeknooloojii industirii kaaliingaa Hinduutti argamutti daarektarri hariiroo idil addunyaa Dr. Vaaruun Sutraa gamasaaniin, Itiyoophiyaan foramii kana karaa ogummaatiin gaggeessuunshee kan dinqisiifamu ta’uu ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015