Bu’uraaleen misoomaa kooriidaraa fi daandii Finfinneetti ijaaraman sochii tiraafikaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Bu’uraaleen misoomaa kooriidaraa fi daandii Finfinneetti ijaaraman sochii tiraafikaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Adoolessa 4/2018(ENA)- Bu’uraaleen misoomaa kooriidaraa fi daandii Finfinneetti ijaaraman sochii tiraafikaaf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiran namoonni yaada kennan dubbatan.
Misoomni kooriidarii magaalattii miidhagsuunii fi bu’uraalee misoomaa daandii ammayyaa diriirsuudhaan, sochii tiraafikaa si’achiisuurra darbee jiraattotaaf bakka mijataa, nageenyisaa eegamee fi si’ataa uumeera.
Konkolaachiftoonni yaada kennan daandiiwwanii haaraa fi misoomni kooriidaraa magaalattiitti hojjetaman sochii tiraafikaa si’achiisuudhaan jijjiirama gaarii fidaniiru jedhaniiru.
Konkolaachisaan Hayilee Zamadkuu fi Xeenaayee Xankir akka ibsanitti, misoomni kooriidaraa sochii tiraafikaaf mijataa fi daandiiwwan ammayyaa uumuudhaan konkolaachisuuf haala mijataa yaaddoo hin qabne uumeera.
Daandiiwwan miidhagaa fi bal’aan bifa magaalattii jijjiiran kunneen qulqullinni diizaayiniisaanii fi mallattoon daandiirraa guutuu ta’an balaan tiraafikaa akka hir’atu gumaacha olaanaa taasisaa jiru jedhaniiru.
Konkolaachisaan Buruuk Giruum misoomni kooriidaraa muddama tiraafikaa Kanaan dura ture furuudhaan konkolaachiftoonni bilisa ta’anii akka oofan gochuusaatiin yeroo imalaa gabaabaa fi haala mijataa ta’een socho’uun danda’eera jedhaniiru.
Dandeettiin daandii dabaluunsaa sochiin tiraafikaa fooyya’uu qofa osoo hin taane, balaa hir’isuudhaan konkolaachiftootaaf aara galfii guddaa uumuusaa eeraniiru.
Jiraattota magaalichaaf bakkee jireenyaa fi sochii mijataa uumuudhaaf gumaacha olaanaa qabu.
Itti aanaan daarektara olaanaa abbaa taayitaa maanajmantii tiraafikaa Finfinnee obbo Eliyaas Zargaa akka ibsanitti, hojiiwwan misooma kooriidaraa hojjetaman sochii tiraafikaa si’achiisuunii fi sochii geejjibaa magaalattii nagaa qabeessa gochuudhaan qooda olaanaa bahachaa jiru.
Daandiin ammayyaa kun nageenyi lafoo deemtotaa eegamee akka deeman haala mijataa uumuusaatiin balaa namaa fi qabeenyarra gahaa ture guddaa hir’isuun danda’ameera jedhaniiru.