Tamsaasa Kallatti:

Mariin biyyaalessaa rakkoolee hidda gad-fageeffatan karaa qaroomeen furuun ijaarsa biyyaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf boqonnaa guddaa kan banudha

Adoolessa 4/2018(ENA)- Mariin biyyaalessaa rakkoolee hidda gad-fageeffatan karaa qaroomeen furuun ijaarsa biyyaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf boqonnaa guddaa kan banu ta’uusaa hayyoonni ibsan.

Yaa’iin seena qabeessi adeemsa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggootaaf gaggeeffamaa ture eegalamuuf guyyoota muraasatu hafe.

Yaa’ii murteessaa Adoolessa 8 bara 2018 wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalamurratti mari’achuuf mari’attoonni guutuu biyyaarraa walitti dhufan kuma 4 Finfinnee dhufaniiru.

Komishinichi adeemsa marichaa ilaalchisuun yaadannoo injifannoo Adwaatti mari’attootaaf ibsa mariin duraa gochaa jira.

Barsiiftonnii fi barattoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo ENA’f yaada kennan akka jedhanitti, mariin biyyaalessaa kun rakkoo jiran mariin furuun nagaa fi tokkummaa biyyaa ni cimsa.

Kanneen keessaa piroofeesar Alamaayyoo Gabramaaram akka ibsanitti, Itiyoophiyaan komishinii marii hundeessitee marii qabatamaatti seenuuf murteessuunshee tarkaanfii guddaadha.

Adeemsi kun nageenya waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf shoora olaanaa akka qabaatu beeksisaniiru.

Komishinichi aanaarraa eegalee kutaalee hawaasaa garagaraa mari’achiisuudhaan ajandaawwan ijoo saddet adda baasuunsaa bu’a qabeessummaa marichaaf gumaacha olaanaa akka qabaatu piroofeesar Alamaayyoon eeraniiru.

Ajandaawwan filataman kunneen Itiyoophiyaanonni ijaarsaa fi misooma biyyaalessaa waloo irratti xiyyeeffatanii akka hojjetan haala akka mijeessuuf dabalanii eeraniiru.

Adeemsi marichaa komishinii seeraa fi labsiidhaan hundeeffameen kan durfamuu fi walii galtee biyyaalessaa fulla’aa uumuuf kan kaayyeffate waan ta’eef, Afriikaa fi Addunyaan muuxannoo irraa fudhachuu kan danda’u hojii fakkeenyummaa qabu ta’uu hayyuun kun ibsaniiru.

Adeemsi qaroomaan kun Itiyoophiyaanonni rakkoosaanii ofiisaanii furuu akka danda’an waltajjii addunyaarratti kan itti agarsiisan akka ta’u ibsaniiru.

Yunivarsiitii Paabiliik Sarviisii Itiyoophiyaatti barsiisaan kutaa barnootaa bulchiinsaa fi hoggansaa Dr. Ujuluu Ukook gamasaaniin, mariin biyyaalessaa kun garaagarummaa mariidhaan furuun nageenya waaraa buusuuf qooda guddaa akka bahu dubbataniiru.

Mariin kun lammiileen dhimmoota biyyaalessaa ijoorratti mari’achuudhaan waldhabdeen akka furamanii fi misooma waloorratti dammaqinaan akka hirmaatan carraa akka uumu amantaa qaban ibsaniiru.

Haala wal fakkaatuun Yunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan komunikeeshinii misoomawaa fi qorannoo miidiyaa Dr. Zallaqaa Tashoomaa, mariin biyyaalessaa kun Itiyoophiyaa badhaatuu tokkummaanshee cimaa ta’ee fi nageenyi waaraan keessatti ciime uumuuf kan kaa’amu bu’ura cimaa ta’uusaa ibsaniiru.

Milkaa’ina carraa seena qabeessa kanaaf kutaan hawaasaa hundi hirmaannaa fi tattaaffiisaa cimsuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015