Bu’aa daldala alergiin argame caalaa guddisuuf ququllina oomishaa fi sona dabaluurratti xiyyeeffatameera-Ministira Dr. Kaasahuun Goofee - ENA Afaan Oromoo
Bu’aa daldala alergiin argame caalaa guddisuuf ququllina oomishaa fi sona dabaluurratti xiyyeeffatameera-Ministira Dr. Kaasahuun Goofee
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Bu’aa daldala alergiin biyyattiitti argame caalaa guddisuuf ququllina oomishaa fi sona dabaluurratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofeei bsan.
Ministirichi paarkii industirii oomisha qonnaa qiqindeessuu Yirgaalamiin wayita daawwatan kaampaaniiwwan paarkicha keessatti Avokaadoo, Zayitaa fi Buna qiqindeesan ilaalaniiru.
Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee wayita kana akka jedhanitti, mootummaan galii daldala alergii guddisuuf sona dabaluurratti tattaaffiiwwan taasifaman cimsuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira.
Keessumaa dandeettii dame qonnaatiin jiru sirnaan itti gargaaramuunii fi akkaataa gabaan barbaaduun sona itti dabaluudhaan erguurratti tattaaffiiwwan eegalaman kan jajjabeeffamanidha jedhaniiru.
Paarkicha keessatti kaampaaniiwwan avokaadoo fi Buna irratti sona dabaluun argannoo galii alaa fi oomisha bakka bu’an hojjetanii ilaaluusaanii eeranii, hojii kana cimsanii akka itti fufan dubbataniiru.
Barana Itiyoophiyaan daldala alergiirraa galii doolaara biiliyoona 11 ol argachuudhaan bu’aa olaanaa galmeessisuushee ministirichi ibsanii, soochiiwwan paarkii kana keessatti argaman guddisuu barbaachisa jedhaniiru.
Adeemsa amma ammaatti jiruun bu’aawwan akka biyyaatti oomishaalee bakka bu’anirratti argaman cimsuuf tattaaffiiwwan taasifaman jajjabeessaa ta’uusaanii eeraniiru.
Adeemsa Kanaan ammo paarkiiwwan oomishaalee qonnaa qiqindeessan dhaabbachuusaanii gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiru dubbataniiru.
Hojii gaggeessaan “buna qiqindeessaa Mayi Mayi” waldaa dhuunfaa itti gaafatamnisaa murtaa’ee paarkii industiricha keessatti Buna qiqindeessuu Mister Jeeyi San, deeggarsa mootummaarraa argataniin hojiitti galuusaanii eeraniiru.