Mirgaa fi fayyadamummaa daa’immanii mirkaneessuuf hojiin hojjetaman cimanii itti ni fufu-Ministira Dr. Ergoogee Tasfaayee - ENA Afaan Oromoo
Mirgaa fi fayyadamummaa daa’immanii mirkaneessuuf hojiin hojjetaman cimanii itti ni fufu-Ministira Dr. Ergoogee Tasfaayee
Adoolessa 4/2018(ENA)- Mirgaa fi fayyadamummaa daa’immanii mirkaneessuuf hojiileen hunda galeessi hojjetaman cimanii akka itti fufan Ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee ibsan.
Sagantaan guduunfaa guyyaa daa’imman Afriikaa mata duree “daa’imman kunuunfaman dhaloota badhaadheef” jedhuun magaalaa Hararitti gaggeeffameera.
Ministirri Dr. Ergoogee Tasfaayee saganticharratti dubbii dubbataniin, qooda fudhattoota waliin ta’uun daa’imman boru biyya fudhataniif bu’uraalee misoomaa guutuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Keessumaa wiirtuuwwan bashannanaa miidhagaa, mijataa fi qulqulluu akkasumas bakka daa’imman itti turfamanii fi kunuunfamanii fi bakkeewwan itti taphatan ijaaruu fi babal’isuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Kana cinaatti deeggarsii fi kunuunsi daa’immanii, dameewwan garagaraa keessatti hirmaannaasaanii cimsuu akkasumas gochoota miidhaa geessisaniin akka hin miidhamne eeguun, miidhaarraa ittisuu fi hojiileen biro hedduun hojjetamuusaanii dubbataniiru.
Itti aantuun pirezidaantii naannoo Hararii Roozaa Umar gamasaaniin, mirga, hojiileen misoomaan nageenyaa fi fayyadama magaalaas ta’e baadiyyaa naannichaa mirkaneessan hojjetamuusaanii dubbataniiru.
Guddinni walii galaa daa’immanii kan milkaa’u tattaaffii mootummaan qofa akka hin taane eeranii, fayyadama wal qixaa fi qaqqabummaa daa’imman magaalaa fi baadiyyaa naannichaa guddisuuf hirmaannaa qooda fudhattoota hundaa guddisuun akka barbaachisu himaniiru.
Biyyattiitti mirga daa’immanii kabachiisuun ilaalchisee fooyyeen akka jiru kan dubbatte afyaa’ii paarlaamaa daa’immanii biyyaalessaa Bileen Dilaargaachooti.
Mirgaa fi nageenya daa’immanii eegsisuu fi fayyadama gama guddisuutiin hojiin hojjetaman cimanii akka itti fufan gaafatteetti.