Godina Baaleetti filmaattota carraa hojii uuman bal’isuudhaan fayyadama dinagdee dargaggootaa guddisuun danda’ameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Baaleetti filmaattota carraa hojii uuman bal’isuudhaan fayyadama dinagdee dargaggootaa guddisuun danda’ameera
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Baaleetti filmaattota carraa hojii uuman bal’isuudhaan fayyadama dinagdee dargaggootaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan mul’achuusaa waajjirri carraa hojii uumuu fi dandeettii godinichaa beeksise.
Bara bajatichaa godinichatti dargaggoota kuma 89 fi 500 caalaniif carraan hojii uumamuun beekameera.
Hogganaan waajjirichaa obbo Tashoomaa Lammii ENA’f addatti akka ibsanitti, godinichatti filmaattota carraa hojii uumuu bal’isuudhaan fayyadama dinagdee dargaggootaa guddisuuf hojii hojjetamaniin bu’aan qabatamaan argameera.
Bara bajatichaatti dargaggoota kuma 89 fi 500 caalaniif damee garagaraan carraan hojii uumamuu dubbataniiru.
Carraan hojii dargaggootaaf uumame dameewwan misooma qonna magaalaa, hojii sibiilaa fi mukaa, horsiisa lukkuu fi beelladaan akka ta’e ibsaniiru.
Hojii kanaaf liqiin birria miiliyoona 964 ol kan mijeeffameef yoo ta’u, lafa qonnaa hektaara kuma 4 fi 540 akka argatan godhamuu dabalanii ibsaniiru.
Liqii mijeeffame Kanaan tiraakterri qonnaa 50 akka bitameef dubbataniiru.
Bulchaan aanaa Agaarfaa obbo Abdulqaadira Usmaan gamasaaniin, aanichatti inisheetiiviin qonna magaalaa fi industirii godoo dargaggoota hedduuf madda galii ta’aa dhufeera jedhan.
Bara bajatichaatti aanichatti dargaggoota kuma 10 ol damee Kanaan carraa hojii fayyadamoo ta’aniif liqii birrii miiliyoona 185 caalu akka argatan godhamuu dubbataniiru.
Aanaa Agaarfaatti carraa hojii kan fayyadaman keessaa Adam Abdallaa yaada kenneen,, hojii mukaa fi sibiilaarratti bobba’uudhaan bu’a qabeessa ta’uudhaan dargaggoota biroof carraa hojii uumuusaa dubbateera.
Fuulduras Invastimantii caalutti cehuuf cimee akka hojjetu ibseera.
Dargaggoo Abdullaxiif Abdulmanaan gamasaatiin, magaalichatti loon aannanii horsiisuudhaan bu’a qabeessa ta’aa dhufuusaa dubbateera.
Hojii Kanaan bu’a qabeessa ta’uun maatiisaa bulchuurra darbee guduunfaa horachuusaa dubbateera.
Bara bajataa darbe godina Baaleetti dargaggoota kuma 75 ta’aniif carraan hojii uumamee akka ture eerameera.
See less