Tajaajilli tola ooltummaa gannaa ummattoota jidduutti walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimaa uumuuf faayidaa olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli tola ooltummaa gannaa ummattoota jidduutti walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimaa uumuuf faayidaa olaanaa qaba
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Tajaajilli tola ooltummaa gannaa harka qalleeyyii deeggaruun gamatti, ummattoota jidduutti walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimaa uumuuf faayidaa olaanaa akka qabu hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa ibsan.
Hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa,tajaajila tola ooltummaa ganaa bara kanaa ilaalchisuun ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa gannaa harka qalleeyyii deeggaruun gamatti, ummattoota jidduutti walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimaa uumuuf faayidaa olaanaa akka qabu ibsasaaniin eeraniiru.
Tajaajila tola ootummaa gannaa baranaatiin hojiiwwan tola ooltummaa garagaraa 14 karoorfamanii hojiitti galamuu ibsaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa gannaa mana manguddootaa fi harka qalleeyyii suphuu, haaromsuu fi maneen haaraa ijaaruu akka of keessaa qaba jedhaniiru.
Akkasumas biqiltuuwwan mandhalee fi muduraa dhaabuudhaan hojiiwwan eegumsa naannoo fi qonnaa akka raawwataman dubbataniiru.
Dabalataanis humna ummataa fi qaamolee deeggartootaa qindeessuudhaan, ijaarsi kutaalee barnootaa haaraa fi kutaalee barnootaa turan haaromsuun akka raawwatamu ibsaniiru.
Tajaajila tola ooltummaa Kanaan sagantaan deeggarsa meeshaalee barnootaa fi maaddii qooduu dabalatee qorannoo bilisaa, tajaajilli waldhaansaa akkasumas dhiiga arjoomuun akka gaggeeffamu ibsaniiru.
Hojiileen tajaajila tola ooltummaa magaalaa mijataa fi jireenyaaf akka mijatu godhan akka raawwataman eeraniiru.
Sagantaa tajaajila tola ooltummaa gannaa Kanaan kutaalee hawaasaa kuma 344 fi 614 fayyadamoo gochuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru.