Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti Xiyyeeffannoon Misooma Jallisiif kenname naannoolee Hongeen midhamanii turan gara oomishtummaatti ceesiseera

Adoolessa 3/2018 (ENA):Naannoo Oromiyaatti xiyyeeffannoon misooma jallisiif kenname naannoolee hongeen midhamanii turan gara oomishtummaatti ceesisuu isaa Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ibsan.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad yaa'ii idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka'aniif deebii fi ibsa kennuun isaanii ni yaadatama.

Ibsa isaaniitiinis, barana lafa hektaara miiliyoona 29 kilaasteraan jallisii fi teekinooloojiin deeggaramee misoome irraa oomishni kutaalaa biiliyoona 1tuqaa 3 argamuu isaa ibsaniiru.

Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Bariisoo Fayyisaa turstii ENA waliin taasisaniin; hojmaata ammayyaa’aa naannichatti diriiraniin, dhiyeessii galteewwanii saffisaa fi ce’umsi teknoolojii damee qonnaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuu isaanii ibsaniiru.

Qonni waggoottan darbaniitti meeshaalee aadaatiin qofa deeggaramaa ture gara Makaanaayizeeshiniitti ce'aa jiraachuunsaa tarkaanfii tarsiimowaa guddaa kan fide ta'uu eeraniiru.

Babal'achuun Makanaayizeeshinii qonnaan bulaan fayyadama guyyaa irra darbee oomisha gabaaf ta'u bal'inaan akka oomishuufi gara fayyadamummaa dinagdee olaanaatti akka ce'uuf balbala saaquusaa ibsaniiru.

Naannichatti misooma Qamadii bal'inaan kilaasteraan hojiirra oole jallisii bonaa, arfaasaa fi qonna gannaan hojiiwwan misooma qindaa'aa raawwatamaniin; lafa hektaara miiliyoona 6 tuqaa 8 ol misoomsuun akka danda'ame ibsuun, kanaanis oomisha kutaalaa miiliyoona 300 ol oomishuun akka danda'ame eeraniiru.

Bu'aan kun qonni naannichaa kallattii haaraa ittiin hogganamaa jiru bu'a qabeessaa fi abdi-qabeessa ta'uu isaatiif agarsiiftuu guddaadha jedhaniiru.

Naannoolee gammoojjii kanaan dura hongeen beekaman gara oomishtummaa itti fufiinsa qabutti jijjiiruuf hojiiwwan raawwatamaniin milkaa'ina guddaa damee kanaa ta'uu isaas dabalanii ibsaniiru.

Keessattuu Godina Booranaatti pirojektoonni akka hidha Jallisii Finnaa fi kanneen biroo hojiitti galan fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee hawaasichaa qabatamaan mirkaneessaniiru jedhan.

Pirojektoonni jallisii kunniin hawaasni horsiisee bulaa barootaaf bishaanii fi marga barbaacha sochii bakkaa bakkatti taasisaa ture fi aadaa haala jireenyasaa hundee irraa jijjiiruu isaanii eeraniiru.

Hojiiwwan tarsiimo’aan kunniin ilaalcha naannichaaf ture jijjiiruudhaan, har'a naannoolee gammoojjii wiirtuu misooma qamadii bal'aa fi jallisii akka ta'an taasiseera.

Sagantaan maaddii guutuu Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hojiirra oole naannichatti godinalee, aanaalee fi gandoota hundatti bal'inaan haala qindaa'een hojiirra oolaa jiraachuusaa beeksisaniiru.

Sagantichi wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee damee sirna nyaataa fi dinagdee keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015