Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggaritti hojiirra oolmaan tajaajila wiirtuu tokkoo ifaajii fi yeroo nuuf qusateera- Fayyadamtoota

Adoolessa 3/2018(ENA): Magaalaa Shaggaritti hojiirra oolmaan tajaajila wiirtuu tokkoo ifaajii fi yeroo nuuf qusateera jedhan fayyadamtoonni tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa ENA’f yaada kennan.

Tajaajilamtoota keessaa obbo Masaayi Tashoomaa yaada kennaniin, kanaan dura dhimma tokko xumurachuuf iddoo adda addaa deddeebi'uudhaan yeroo baay'ee qisaasessaa  akka turan dubbatu. Garuu yeroo ammaa dhimmi isaanii yeroo gabaabaa keessatti xumuramaafii jiraachuu ibsaniiru.


 

Obbo Jamaal Muhammadis gama isaaniitiin, tajaajila iddoo tokkoo kanaan dhamaatii fi deddeebi’insa malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila barbaachisaa ta'e argachaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Kunis qisaasama yeroo fi maallaqaa isaaniif qusachaa jiraachuu himaniiru.

Magaalaa Shaggaritti tajaajila wiirtuu iddoo tokkoo ammayyeessuun itti quufiinsa hawaasaa daraan kan dabale ta'uun kan ibsani immoo Hojii-gaggeessaa Wiirtuu Kenna Tajaajila Iddoo Tokkoo Magaalichaa Obbo Mokonnon Ambee dha.


 

Kaayyoon tajaajilichaas deddeebiifi dhamaatii maamilootaa hir’isuufi bakka hojii mijataafi qaqqabamaa ta'e uumuun, hawaasni tajaajila saffisaafi qulqullina qabu akka argatu taasisuu irratti kan xiyyeeffatedha jedhan.

Keessattuu kenniinsa tajaajilaa tekinoolojiin deeggaruun baasii xiqqeessuu;  maamilootaaf haala mijeessuu fi itti quufiinsa maamiltoota daraan dabaluun, amantaa hawaasni mootummaa irratti qabu sadarkaa olaanaarra geessisuudha jedhan.

Qaqqabamummaa tajaajilichaa saffisiisuuf karaalee gurguddoo sadiin tajaajilli kennamaa kan jiru ta'uus eeraniiru.

Abbootii dhimmaa gara wiirtichaa dhufuudhaan tajaajilaman malees, namoota humna hin qabneefi sababa adda addaatiin gara wiirtuu dhufuu hin dandeenyeef konkolaataa ammayyaa socho'aadhaan tajaajila kennuufi karaa intarneetii mana manasaaniitti tajaajilichi qaqqabaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiiwwan kanas caalaatti milkeessuudhaaf wiirtulee tajaajilaa babal'isuu irratti xiyyeeffatamee, bara kana keessa giddugalawwan sadii ijaaramuun tajaajilaaf banaa taasifamaniiru jedhan.

#Ena Afaan Oromoo #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015